Xurree ittiin seenan

Breaking News

Iraaqi gargaarsa USA itti argattee loluma loltee Ramaadii ISIS irraa deebifattee alaabaa ufiillee keessatti dhaabatte


Waraana Iraaqi Ramaadii fudhatetti akkana gammada.Muddee 29, 2015
Waraana Iraaqi Ramaadii fudhatetti akkana gammada.Muddee 29, 2015

Ramaadiin magalaa gugurdoo Iraaqii keessaa tokko.Lafa qarii lafaa jirtu ta waan heduduf abdatan.Teessoo mootummaa Iraaqi, Baagdaad irraa km 100 fagaatti.

Magaalii tun ji’a torbaan duratti harka mootummaa Iraaqiitii baate.Iraaqi lola jabaa guyyaa afuriitiin Ramaadii harka ISIS deebifatte.

Iraaqi gargaarsa USA itti argattee loluma loltee Ramdaadii fudhatte.Ramdaadiin teessoo godina Anbaariiti.

Eegii Ramaadiin harka ISIS baateen duubatti muummeen ministera Iraaqii Haider al-Abadi lafa sun dhaqee laale.

Muummeen minsitera Iraaqii kun,Abaadiin barii 2016 bara Iraai keessaa Iraaqii haxaahanii baasan jedhee TV biyya isaanii irratti dubbate.

Waraanii Iraaqi asii achi akka jecha muummee ministera Iraaqiitti:"Mosul bilisoomsuuf yaahuutti jirra sun ammoo ISIS badii guddoo guddoo taati.”

ISIS bara 2014 jalqabdee Mosul loltee harkaa qabdi.Hujiin waranaa Iraaqi asii achi bombii karaa fi manneen keessatti awwaalan qulqulleessuu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG