Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wallaggaa Lixaa Keessatti Hiriira Mormii Itti-fufee fi Tarkaanfii Humnoota Mootummaa


Gullisoo,Oromiyaa
Gullisoo,Oromiyaa
Gabaasa Guutuu
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:13 0:00
Xurree marsariitii

Torban tokko duraa jalqabee, aanaalee Oromiyaa adda addaa keessatti ka geggeessamaa ture hiriirri barattootaa fi tarkaanfiin humnoota mootummaa, Har’a, Godinaa Wallagga Lixaa keessatti geggeessamuu isaa dubbatu barattoonnii fi jiraattonbni Naannoo.

Keessumaa, aanaa Mana-sibuu, magaalaa Mandii fi naannawa isheetti hirriirri Roobii dabre jalqabe itti fufuu isaa irraa kan ka’e – humnoota mootummaatiin, namoonni magaalattii hedduun reebamuu hidhamuu isaanii dubbatu.

Achuma, Wallaggaa Lixaa – magaalaa Gullisoo keessatti immoo, Har’a barattoonni hiriira ba’uuf ennaa sochii jalqaban humnoonni mootummaa gaazii imimmaansisu itti roobsuu fi rasaasa ol qabanii dhukaasuun addaan-facaasuu isaanii dubbatu – barattoonni.

Hiira magaalaa Guulisootti yaalame kana ilaacchisee, ka qaama mootumama aanichaa irraa telefoonaan gaafataman – Itti-gaafatmaa Dhimma nageenyaa aanichaa – Obbo Fiqruu Mullataas “Barattoonni sun otuu akka hiriira ba’uuf jiran hin gaafatiin humnota jeeqama kaasuu yaadaniin waan kaka’aniin, hiriirichi akka hin geggeessamne humnoota naga-eegumsaan dhaabsisamee jira.” jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG