Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommii CECAFA Finfinnee,Awaasaa fi Baahir Daaritt Itti Jiran


CECAFA
CECAFA

CECAFA, (Council for East and Central Africa Football Association) maqaa dorgommi kubbaa miilaa Afrikaa gama Bahaatii fi gama Jidduu waliin taphatan.

Dorgommii tana Sadaasaa 21,2015 Finfinneetti jalqabanii Awaasaa Fi Baahir Daar irra maranii taphatan.Haga ammaatti goolii 12 gale. Taanzaaniyaan Somalaee 4-0 mootee haga ammaatti goolii 12 gale.Biyya 12 garee sadii A, B, fi C jalatti wal dorogmuutit jira.

Garee A:Itoophiyaa,Somaaliyaa,RiwaandaaTaanzaaniyaa,

Garee B:Keenyaa,Ugaandaa,Burundii,Zaanzibaar,

Garee C:Suudani Kibbaa,Suudan,Jibuutii,Maalaawwii

Dorgommii Sadaasaa 21 jalqaban tana Keneyan Ugaandaa 2-0,Suudan Kibbaa Jibuutii 2-0,Taanzaaniyaan Somaaliyaa 4-0, Burundiin Zanzibaar 1-0 Riwaandaan Itoophiyaa 1-0 moote.

Bori Maalaawii fi Suudantti Finfinneetti tapahtaa Itoophiyaa fi Somaaleen ammoo ammoo Roobii Awaasatti tapahtan.

ETHIOPIAN GREAT RUN

Sadaasaa 22,2015 nama 40, 00 tahutti wayaa doti naqatee dorgommii maqaa atileeti Hayilee G. / Sillaaseetiin moggaasan The Great Run irratit wal dorgomuuf Finfinnee Dirree Masqaaltit baafate.

Dorgommii marroo 15 dorgoman tana Taammiraati Tolaatii fi Maammituu Daskaatti moo’e.Boonsaa Diidaatti lammeesso,Addunya Taakkele sadeessoo bahe.Taammiraatii fi Maammituulleen kialbii Poolisi Oromiyaa keessaa filataman.Hayilee G/Sillaasee Dorgommi Dhiise

Atileeti Hayilee G/Sillaasee,200 Nezerlaandis
Atileeti Hayilee G/Sillaasee,200 Nezerlaandis

​Hayilee G/Sillaasee nama ganna 42, addunyaa irratti metirii 10,000, 5000, 1500 fi 3000 irratti warqii harahuun beekama. Atlaantaa haga Birminghaamitti bashaasa hedduu guurrate.

Hayileen asiin duratti dorgommii dhiisaa jedhee labsatullee dorgommii maqaa isaatiin ganna 15 duratti qopheessan The Ethiopian Great Run irratti ammo mirkanseessee dubbatee ya dhaabee jedhe.

“Asiin duratti hin dhiisaa jedhee dubbadhe amma ammoo ummatuma duratti hin dhiisaa jedhee waadaa gale.Ta tana caaltu hin jirtu.Ganna 15 dorgommii tana itit jalqabe ulfeessuflle taati asiin duubatti hujii tiyyatti dabra.”

Dorgommii Ethiopian Great Run jedhan tun dorgommii sadarkaa addunyaatti bebeekamtu keessaa tokko.

LA LIGA

Real Madrid fi Barcelona,Muddee 10, 2011. (AP Photo/Daniel Ochoa de Olza)
Real Madrid fi Barcelona,Muddee 10, 2011. (AP Photo/Daniel Ochoa de Olza)

Luuyis Suaarez lama galfatee Neymaarii fi Inestaan tokko tokko irra buusanii Barceloonaan tapha guyyaa dheengaddatti Real Madriid 4-0 garafee moote.

Goolii qaraa Luyis Suhaarezitti daqiiqaa 11 irratti keesaa buufate,ta lammeessoo ammoo Neymaaritti daqiiqaa 39 irratti itti dabalee 2-0 tahe,sadeessoo ammoo Andres Inestaatti daqiiaa 53 irratti tanaan sadeeffacho jedhee tokko itti dabale.Ta afreessoo ammoo Suhaarezitti daqiiqaa 75 irratti irra buusee taphii 4-0 dhumate.

Akka kilabiitti Barseloonaatti qabxii 22 dura La Liigaa dura jiraa Real Madriiditti 21 itti aana Valenshiyaatti qabxii 20 faana jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG