Xurree ittiin seenan

Breaking News

El Niñon Baranaa Afrikaa Gama Bahaatii Bokkaan Dhufee Afrikaa Kibbaatti ammoo Bona Buuse


El Ninon jijjiirama qilleensa faana dhufa
El Ninon jijjiirama qilleensa faana dhufa
Tana caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:51 0:00
Xurree marsariitii

Jecha El Niño jedhu Ispaanishitti baase,yoo bisaan garbaa gama Equaatooriyaal Paasifikii fi gama jidduutiin oowwe.

Garbii gamasiin oowwuun ammoo biyya hedduu ykn bokkaa ykn bona itti fidaa,kun ammoo jijjiirama qilleensa gula dhufa.

El Nino baranaa,2015 Bitootessa keessa mullate.Seenaa keessaati EL Ninon baranaa ka bara 1979 aanee lammeessoo.

Waajjira Tohannoo Raaga Qilleensa Addunyaa Maryland, USA
Waajjira Tohannoo Raaga Qilleensa Addunyaa Maryland, USA

Dr.Wassilaa Thiyawu,Noaa,Ejensii Tohannaa Qilleensaa fi Garba USA jalatti itti gaafatamaa Tohannoo Qilleensaa fi Jijjiirma Qilleensaa Biiroo Addunyaatii fi Afrikaati,(CPC) Climate Prediction Center.

“Afrikaa gama Gaafaa Onkololesa, Sadaasaa fi Muddeetti bokkaa guddaatti roobaa jennee eeganna. Lolaa guddaatti bokkaa kana gula dhufa.EL NINO baranaa kun akkuma bara 1979, 1982 fi 1983 humna guddaa qaba.Taatullee humna suniin wa balleessuu fi balleessuu dhabuu isaa qorachuutti jirra.”

Afrikaan gama Kibbaatii ammoo bonaa jedha Dr.Wassilaan.“Afrikaa Kibbaa keessaa Afrikaagama Kaaba Bahaa,Zimbaabuwee, Mozambiki, Botiswaanaa fi Naamibiyaa gama Kaabaatti lafti bona.Kun jalqabaa taatuu dandahaa ilaalaa yaana.”

Afrikaan Gamii Bahaalleen bokkaa guddaa eegata.“Somaaliyaa,Keenyaa gama Dhiyaa,Tanzaniyaa,naannolee Itoophiyaa daari Somaaleetti dhiyaatan Onkololeessa,Sadaasaa fi Muddee keessaa bokkaa guddaa Ammajii-Gurandhalaa bara 2016 roobaaf. Taatullee qilleensa garaba Indii Dhiyaati dhufu tohachumaa yaana.”

Bonii Itoophiyaatti nama miliyoona hedduu beelesse maan gula dhufe?“Bonii amma Itoophiyaatti arguutti jirrulleen EL NINO wal keessa jiraachuun mirkana. Onkololeessaa, Sadaasaa fi Muddee keessa akka ani sehutti Itoophiyaa gamii Kaaba Bahaa diqqaatullee bokkaan kanaan miidhamuu dandaha.Taatullee bokkaa guddaa argatan.”

Adoo tana jennuu EL Ninon yoo bisaan garbaa Paasifik oowwan dhufa. Wannii bisaan garbaa jalaa haga guddaa oowwisaa waan diqqoo miti.Oowwe jechun ammoo waan hedduu fida.

El Ninon jijjiirama qilleensa faana dhufa
El Ninon jijjiirama qilleensa faana dhufa

Yoo bisaan garba Paasifik oowwan garba sun gubbaatti duumansaa’a. Duumansii sun bokkaan dhufa. Duumansii achii kahe gara bubbeen addunyaa bubbiftu jijjiira.Bubbeen garba Paasifik irraa bubbiftu addunyaa ykn bokkaan ykn bonaan dhufti.Qillensii baranaa Indooneezhiyaa bonsee Afirkaa gama Bahaati roobaan duumanseesse.

CPC,Climate Prediction Center maqaa Raaga tohannaa jijjiirama Qilleensa USA fi addunyaati.NOAA, National Oceanic and Atmosphere Agency jala jira.Noaan ammoo Egenecy Tohananaa Garbaa fi Qilleensa Amerikaati.CPC Noaa jalatti qilleensa bokkaa Afrikaa maaniin tohatti?

“Bokkaa Afrikaa roobu beekuuf qilleensii garba Paasifik maan irra jiraa jennee laalla.Hin oowwe mo hin qabbanaahe jennee tohanna.Saatelaayitiin nu bokkaa Afrikaatiin tohannu MetioSat. Saatelaayitiin tun km kuma 36 oli fagaatte Mudhii lafaa guddaa teetti.Odeeffannoo saatelaayiti sun irraa argannee odeeffannoo qilleensaa lafaa irraa arganneen walti daballee ummataa odeeffannoo kennina.Daqiiqaa 30 soddomaatit odeeffannoo tana arganna.”

EL Ninon jijjiirama qilleensa addunyaa gula dhufa.Jijjiiramii qilleensa addunyaa addunyaa waan hedduun yaaddessuutti jira.

Korii Jijjiirama Qilleensaa bara 2015, COP21 jedhan Sadaasaa 30-Muddee 11, Paaris Faransaayitti taahuuf deema.

Korii kun addunyaan qilleensa oowwaa deemu maaniin oowwa haga dabruu dhowwanii fi waan akka akkaa irratti mari’atti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG