Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ameerikaan hongee Itiyoopiyaa keessaan kanneen miidhamaniif gargaarsa gumaachite


Hongee EL NINON dhaqqabsiisetti dabaluu dhaan sababaalee adda addaan lammiiwwan Itiyoopiyaa rakkoof saaxilamaniif kan oolu deggersa doolaara miliyoona 97 gochuu isee United States beeksistee jirti.

Jaarmayaan gargaarsa sadarkaa addunyaa US USAID akka beeksisisetti deggersi sun karaa michoota isaa kennama. USAIDn har’a akka beeksisetti deggersi doolaara miliyoona 97 sun lammiiwwan gargaarsi yeroo hatattamaa isaan barbaachisuuf kan oolu.

Deggersi sunis kan kennamu karaa michoota isaa Itiyoopiyaa keessa sosso’an adda addaan ta’uu ibsi Washington irraa ba’e beeksisee jira.

Akkuma Kanaan karaa tajaajila waldaa Kaatolikii doolaara miliyoona 85n midhaan toonii 105,700tu dhiyaata. Tokkummaa mootummootaatti sagantaan nyaata addunyaa hojii inni hongee ittisuuf hojjetuuf immoo doolaara miliyoona 19tu kennama. Doolaarri miliyoonni 20 immoo sagantaa baqattootaa kanuma jaarmayaa kanaaf kan oolu ta’uun ibsameera. United States sababaa EL NINOtiin rakkoo mudatuuf kan oolu dhiyeessii gargaarsaa dursitee qopheessuu ishees ibsi kun tuqeera.

Akka ibsa sanaatti gumaachi midhaanii kan USAIDs cimaaf hatattamaan kan raawwatamee dha. Waajjira USAID kan Nyaati nageenyaaf jedhamuuf directora kan ta’an Diinaa Espoo-siitoo-s kanuma kan isaan ibsan.

Deggersa Kanaan fedhiin gargaarsaa dabalaa deemuun akka inni nu yaaddessu mul’isuufi akkasumas arjoomtonni kanneen biroon deebii akka kennan waamicha dabarsuu barbaanna jedhan.

Sababaa EL NINOtiin lammiiwwan gargaarsa yeroo hatattamaa isaan barbaachisuuf arjoomtota sadarkaa addunyaa biraa maallaqi argame qarshii miliyoona 400 ta’uu mootummaan Itiyoopiyaa beeksisaa tureera.

Deggertoota kanneen akka US biraa kan dhufu gargaarsi akkasii maallaqa kana kan ol guddistu ta’uun beekameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG