Xurree ittiin seenan

Breaking News

Falmii mootummaa Itiyoopiyaa fi BBC jidduu jiru


Embaasiin Itiyoopiyaa kan London jiru hongee baranaatiin kan ka'e hanqinni nyaataa mudate isa bara 1977 waliin kan walfakkaatu miti jechuu dhaan beeksisee jira.

Embaasichi Kibxata darbe ibsa baaseen haalli qabatamaan jiru gabaasaalee sabaa himaan gama dhiyaa baasaa jiran waliin faallaa dha jedha.

BBCn torban kana gabaasa Televiziyoonaa dhiyeesse irratti keessumaa Walloo naannoo Qobbootti hongeen barana mudate beela hamaa dhaqqabsiisuu isaa gabaaseera.

Odu gabaasaan sun Qobboo keessumaa bakka akka hamaatti dha'ame gaara diimtuu jedhamee bakka waamamutti argamuu dhaan kan gabaase ta'uu isaaf torbee sababaa beelaan lubbuun isaa darbe kan jedhame awwaalcha daa'ima umuriin waggaa shanii kan Abduu Mohamed irratti argamuu isaa mul'isee jira.

Odu gabaasaan kun itti dabaluu dhaan naannoo tokko keessaa guyyaatti daa'imman lama du'aa jiraachuu isaaniif bara 2016tti lakkoobsi uummata Itiyoopoiyaa gargaarsa midhaan nyaataa barbaadu miliyoona 15 caaluuf akka jiru tokkummaan mootummootaa ibsuu isaa illee tuqeera.

Naannoo gaara diimtuu jedhamutti odu gabaasaan kun jiraattonni haasofsiise keessaa tokko haalli beela kanaa jalqaba irra kan jiru ennaa ta'u gara fuula duraatti hammaataa deema jedhanii kan yaadda'an ta'uu ibsanii beela isa bara 1977 waliin wal fakkiissaniiru.

Embaasiin Itiyoopiyaa kan London jiru kibxata jechuun Sadaasa 11 bara 2015 ibsa baaseen mudannoo EL NINOn hanqina nyaataan eennyu illee akka hin duune gochuuf mootummaan hojjetaa ka jiru ta'uu beeksise.

Sabaa himaaleen gama dhiyaa gabaasaalee baasaniin kan wal fallessuun hanga beela isa bara 1977 ta'uun hafee haalumti beela fakkatu illee hin jiru jedha ibsi sun.

Ibsi Embaasichaa itti dabaluu dhaan Televiziyoona BBCn kan darbe gabaasi daa'imman yeroo yerootti du'u jedhu dhugaa qabatamaa fi rakkoo sana hanqisuuf qophee jiru kan hin agarsiisneef ol kaasee kan afarfame ittiin jedhee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG