Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keenyaa godina Marsabeetii fi Isiyollootti bokkaa fi bakakkaan horii hedduu fixee bubbeen manneen bubuqqifte


Marsabeetii fi Isiyolloo
Marsabeetii fi Isiyolloo
Tana caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:41 0:00
Xurree marsariitii

Godinii kun lamaan, Marsabeetii fi Isiyolloon ufiifuu dhiyoo tana bokkaa dansaa argachutti jiran.

Horiilleen akka malee huqqachuu baatullee yoo bokkaan guddaan itti roobe humna laafaa guddoo bokkaa irraa hin hafu.

Dhaddacha Halakee dhaaba NGO keessa hojjatu.Akka innii jedhutti lafa akka Calbii faatti bokken horii hedduu fixe.Horiin bokkeennii fixee innii jedhu kun haga guddaan Re’ee.

“Laftii bokkaa hagayyaa dhabde lafa akka Martii,lafa akka Garba-Tullaa fi lafa teessoo horiitii taatu ta akka Marsaabeeti fa. Laftii tun Adoolessa keessaa baatee bokkeenii roobee jennaan horii qaraa keessii qaqallatee miidhame.lafa akka Marsabeeti faatti wannii akka malee hobba’e Re’ee.”

Isiyolloo keessaa fulaan bokkeen horii miidhe lafa akka Rabsuu,Gafarsaa faa jedha Suleeyman.

“Ardaan kun guddoo bone horiin laafee godaanee galaana gamatti lafa Bulee jedhan bokkaan itti roobee jennaan godaane.Horii achi godaane keessaa horiin haawwichii rimaa qaqqabu faatii hedduutti raawwate.”

Yo walti deebisan akk jecha Abdusalaamitti horii haga 60 godaanne keessa dhume.

Fulaan horiin godaanna irratti dhume Isiyolloo keessaa Baddana, Sirichoo, Irreessa HaaBoruu, Martii, Basaa, Baddaa Gaalaa.

Tana maleellee Isiyollo ardaa Qilxipheetii lolaan mana 12 duude, bubbeen mana bubuqqifte.Bakakkaalleen ollaa Qilxipheetii Re’ee 12 fixxe.

Warra bokkaa argachuutti jiruun bokkaan ka sugaa fi gabbinnaa isani ha tahuu jenne.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG