Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Kibbaa Keessatti Xayyaarri tokko kuftee caccabuu isheen namoonni 32 du'an


Guyyaa har'aa Sudaan Kibbaa Juubaa dhaa' ka'uu dhaan gara kiiloo metra 800 erga balaliitee booda xayyaarri Antoonoov tokko bosona Naayil keessatti kuftee caccabuun ishee beekamee jira.

Imaltoonni keessa turan 32 ennaa du'an daa'immi tokko lubbuun irraa hafuun illee ibsamee jira. Xayyaarattiin namoota 18 baattee balal'iaa kan turte ta'uu isaaf kan hafan ja'a immoo hojjettoota xayyaaratii ta'uu Rooyters gabaaseera. lammiiwwan Ameerikaa shanii fi kan Raashiyaa tokko balaa sanaa du'uun illee beekameera. Xayyaarattiin Polaash kan jedhamu bakka Upper Nile jedhamutti namootaa fi nyaata fe'attii balal'iaa utuu jirtuu balaan sun dhaqqabuun gabaasamee jra.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG