Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen Mormituu Koongoo angawoota Ameerikaa fi gamtaa Awrooppaa waliin wal arguuf jiru


FILE - A man holds a placard reading, "Congo is not the property of Nguesso," during a demonstration against President Denis Sassou Nguesso in Brazzaville, Republic of Congo, Sept. 27, 2015.
FILE - A man holds a placard reading, "Congo is not the property of Nguesso," during a demonstration against President Denis Sassou Nguesso in Brazzaville, Republic of Congo, Sept. 27, 2015.

Dhaaba Mormituu, Sochii Kongoolisootaa, Dimookiraasiif – jedhamu kan hoogganan Perfect Kolelas, ajandaan walga’ichaa haala itti hookkara biyyattii dhaabsisuun danda’amu irratti dubbachuu of keessaa qaba. Hookkarichi deebi’ee ka’e sun, Kibxata dabre kana, du’a namoota afurii dhaqqabsiise.

Gamtaa Afrikaa dabalee - Hawaasni Addunyaa, heerri biyyattii kabajamuu mirkaneessuuf akka gidduu seenu gaafatan Kolelas. Hiriirtonnii fi humnoonni naga-eegumsaa, Kaleessa, magaalaa Braazaaville keessatti walitti-bu’anii turan. “Yeroo hiriirtonni karaa cufuu yaalanitti, poolisoonni gaazii imimmaansisu itti dhukaasan” jedhama.

Kaleessiuma gara booda irra, Muummichi-barreessaan Tokkummaa Mootummootaa, Baan Kii Muun, Dilbata dhufu kana heera biyyattii irratti filannoon hiree-murteeffanaa yokaan riferendemiin geggeessamuuf ennaa qophaawamaa jirutti, wal-muddinsi akkasii biyyattii keessatti uumamuun kan isaan yaaddesse ta’uu dubbatanii turan. Hookkara irra, akka qaamonni biyyattii walitti-dhufanii marii siyaasaa fi qooda walii-kennuutti hirmaatan waamicha godhan.

Heerri haaressame sun yoo sagaleedhaan dabre, yeroo bulchiisaa Prezidaantii tokkoo marsaa lamatti, umurii isaas waggaa toorbaatamii gaditti murteessa.

Heerichi yoo raggaasisame, bilisummaa biyyattii tii as, waggoota 36 keessaa, waggoota soddomii-tokkoof kan hoogganaa biyyattii ta’anii turan Denis Saassoo Ingeessoo, ammas carraa filatamuu argachuu malan.

Gareelee Referendumicha mormaniif dubbi-himaa ka ta’an Tsomaambet Anaclet, hookkara gaafa Kibxataa ka’ee du’a namoota afurii dhaqqabsiise sanaaf sababaan, yeroo hiriirtonni walitti-qabamanitti poolisoonni adda-facaasuuf tarkaanfii fudhachuu isaanii ti jedhu.

Namoonni ijaan argan akka jedhanitti, poolisoonni gaazii imimmaansisu qofa otuu hin taane rasaasa illee dhukaasaa turan.

Ka baroota dheeraadhaaf biyyattii bulchan Prezidaant Denis Saasoo Ingeessoo, yaada heera biyyattii jijjiiruu sana, baatii dabre keessa beeksisan. Jijjiiramni heerichaa ta’uu dhaa baannaan, Prezidaantichi marsaa amma itti jiran kana ennaa xumuratan taayitaa gad-lakkisuu qaban.

Prezidaantiin Koongoo Braazaavile kun, Prezidaantota Afrikaa yeroo mootummaa ofii dheereffachuuf jecha heera biyyi ittiin bultu jijjiiran keessaa tokko ta’uu isaanii ti. Kan yeroo dheeraaf Burkina Faasoo hoogganaa turan Blaise Compaore, akkasuma yeroo taayitaa isaanii dheereffachuuf jedha heera biyyattii jijjiiruu yaalanii, fincila uummataan taayitaa buqqisaman.

Prezidaantiin Burundii Pierre Nikurunziizaa, baatii caamsaa dabree taayitaa Prezidaantummaa marsaa sadaffaaf akka dorgoman ennaa labsanitti, hookkara torbanneen hedduu biyyattii keessatti kakaase. Filannoo mormitoonni guutummaatti keessaa ba’aniin, Adoolessa keessa filatamanii amma taayitaa irra jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG