Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gaazexeessonni himannaan Shororkeessummaa irratti dhiyaate akka gad dhiisaman manni murtii Federaala Itiyoopiyaa ajaje


FILE
FILE

Manni murtii Federaalaa dhaddachi 19ffaan har’a waaree irratti himannaa fi ragaalee abbaan alangaa dhiyeesse mara xiinxaluu dhaan shakkamtoonni yakka hojjetaniiru jedhee ragaan dhiyeesse quubsaa miti jedhee shakkamtoonni walaba akka gad dhiisaman murteessee jira.

Himatamaa lammataa dhimma Befekadu Hailu gama ilaaleen garuu shororkeesumaa utuu hin taane jeeqama uummataa kan akka Masrii kakaasuuf waraqaa tamsaasuu isaa amane jechuu dhaan ofi irraa akka ittisu gaafate manni murtichaa.

Kana irraa kan hafe garuu bakka hin jiraannetti himatamtee kan jirtu Soliyaanaa shimalleisin dabalatee Naatinaa’el Feleke, Axinaafuu Birhaanee fi Abeel Waabellaa manni murtichaa walaba gad dhiisee jira.

KaNneen walaba gad dhiisamanii fi kanneen hidhaa keessa jiran har’uma akka gad dhiisaman manni murtichaa ajajee jira.

Kanneen walaba gad dhiisaman keessaa abbaan Natina’el obbo Feleqe Abera akkas jedhan.

Dhuguma guyyaa har’aa akka waanan lammaffaa dhaladhettan laka’a. baa’yiseen gammade. Sababiin isaas dhugaan isaa ba’eera. Abbootiin murtiis dubbataniiru. Ilma koo hamma guyyaa har’aatti yakka tokko iyyuu irratti hin agarre.

Ilma koo ani jaal’adhu, kabajuu fi ittiin boonu. Waggaa tokkoo fi walakkaa inni mana hidhaa ture keessatti dararaa fi rakkina ani arge dhalachuu koo na jibbisiise.Waanan jedhu hin qabu. Gammachuun koo dacha dha.

Abbaan Abeel Wabeellaas ilmi isaanii walaba gad dhiisamuu isaaf gammachuu guddaan akka itti dhaga’ame dubbataniiru. Ilmi koo yakka shororkeessummaa irratti bobba’uun hafee anaan illee ol jedhee hin ilaalu Haadha maleen rakkadhee qofaa koo guddifadhe jedhan.

Hanga galgala sa’aa 11tti ajaji mana murtii akka hiikamaniif darbu iyyuu abukaatoon isaanii obbo Ameha mekonin akka isaan hin hiikamin VOAf bilbilaan ibsaniiru.

Abbaan alangaa gocha shorokeessummaatiin himannaa irratti dhyeessee kan ture kanneeni interneetii irratti barreessanii fi gaazexeessonni 10 jiraachuun ni yaadatama. Baatilee haga tokko dura kanneen keessaa shan ajaja ministrii haqaatiin hidhaa dhaa gad dhiisamaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG