Xurree ittiin seenan

Breaking News

Agarsiisii Daldalaa Addunyaa, OriginAfrica Onkol., 21-23, 2015 Finfinneetti Jalaqaba


Origin Africa 2015,Finfinne,Itiyoophiyaa
Origin Africa 2015,Finfinne,Itiyoophiyaa

Origin Africa,maqaa dhaaba daldlaati.Yoo hedduu egzibishiinii akka akkaa qopheessuun beekama.

Baranallee agarsiisa guyyaa sadii Onkol.,21-23,2015 Galama Walgahii Milliniyeem Finfinnee jirutti qopheessuutti jira.

Agarsiisa kana irratti hujii wayaa warshaan hojjatamte,wayaa jirbiin hojjatamte, faaya manaa,wayaa faashinaa fi waan akka akkaa agarsiisuuf qophi jira.

Tana irratti dhaabbilee warshaa 180 caalan,dhaabbilee biyya alaatti wa ergatan hedduutti hujii warshaa isaanitii fi waan hojjatan ummata agarsiifata.

Awustiraaliyaa malee dhaabbileen daldaa ardii cufa keessaa dhufa.Dhaabilee agarsiisa kana qopheessan keessaa tokko warshaa wayaa Itiyoophiyaati. Obboo Faasi Taaddesee perezdaantii wayaa fi industiri Itoophiyaati.

Dhugumaan igzibiishiiniin tun ta qaraati, dhaabbilee 180 caalanitti itti dhufa. Awustiraaliyaa malee Afrikaa, Azhiyaa, Awurooppaa fi USA keessallee dhufan.

Nama 1500 itti dhufa.Akka obboo Sileshii Lemmaa Minsitera industiriitti fulaa bu’ee dubbatetti hujii akkanaa tana karoora guddinnaa fi jijjiiramaatti fide.Karoora haaraa jalqabameen warshallee wayaa diqqaa guddaallee dabalee ahga 130 tahanitit hojjatame.

Akka obboo Sileshiin jedhutti Itoophiyaan bara 2007 fi 2008 keessa jirbi foohamte toonii kuma 60 argachuuf eegatti.

Egzibishiinii guyyaa sadii tana irratti dhaabbilee daldalaa hedduu fi bakka buutota mootummaa gara garaatti itti dhufa.

waan hujii daldalaa wal barsiisuu qofaa mitii warri biyya alaatti wa ergatu,dhufe bitatuu fi hujii daldalaa gara garaa hojjatu dhufee gama kanaan hujii wal irraa barata.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG