Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sochii Godaantotaa gara Awrooppaa fi dhimma kana irratti marii Gamtaa Awrooppaa


Mrii gamtaa Awrooppaa kan dhimma godaantotaa
Mrii gamtaa Awrooppaa kan dhimma godaantotaa

Giriikii fi Turkiin gidduu kan jiru galaana AEGEAN keessatti bidiruun mukaa koolu galtoonni saddeetti isaan ittiin adeemaa turan doonii waardiyyaa andaara galaana Greek waliin waan walitti rukutamteef koolu galtoonni kun liqimfamniiru. Sa’aatilee 24n darban keessa waardiyyaan andaara galaanaa koolu galtoota 830 baraananii jiran.

Angawoonni Fiinlaand shakkamtoota namoota seeraan ala deddeebisan kudha shan to’annaa jala oolchaniiru. Shakkamtoonni kunis lammiiwwan Iraaq kanneen Fiinlaand ykn Swedinii keessa jiraatan ta’uu angawoonni beeksisaniiru.

Namoonni dahata siyaasaa barbaadan kanneen kuma 22 ta’an irra hedduun lammiiwwan Iraaq ta’an waggaa kana Fiinlaandiin seenaniiru.

Ajaans Fraans Press akka jedhetti dhaabbati yakka qoratu kan dhaaba pooliisii addunyaa /INTERPOL/ fi kan Awrooppaa EUROPOL caasaa qindoominaan hojjetu kan Awropa keessaa adda baafataniiru. Dhaaboliin seera eegisisan lamaan Berliin keessatti gitoota isaanii biyyootii 50 irraa ta’an waliin wal arguu dhaan dhimma yakka qindoomiinaan geggeeffamu kanaa mari’ataa jiran.

Angawoonni akka jedhanitti godaantota seenaan ala deddeebisuun kun yakka dawaa sammuu adoochu, meeshaa waraanaa fi maallaqa seeraan ala deddeebisuu dabalata.

Chaansilerittiin Jermanii angela Merkel paarlaamaa Awrooppaaf akka ibsanitti gamtaan Awrooppaa kan baqattoota Siiriyaa miliyoona lama keessummeessite Turkii gargaaruu akka qabu itti himan. Gamtaan Awrooppaas doolaara biliyoona 1.8 rakkina jiru furuu gargaaruuf Turkii dhaaf kennee jira.

Brussels keessatti immoo presidentiin komiishina gamtaa Awrooppaa Jean-Claude Juncker akka jedhanitti biyyoonni miseensa ta’an 28nu waadaa seenan kabajuu dhaan waardiyyaa daangaa gamtichaaf kan oolu doolaara miliyoona lama baasuutu irraa eegama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG