Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi ministeeraa Itiyoopiyaa mormitoota mariisisna jedhan paartileen hagi tokko garuu waamicha isaanii simachuu didan


Mootummaan Itiyoopiyaa karoora kana irratti paatilee mormituu waliin mar’achuuf jecha galma galma tokkummaa mootummootaa kan Finfinnee jiru keessatti waltajjii bane jira.

Muummchi ministeerichaa Waltajjii guyyootii lamaaf turu kana kan haasaa dhaan ennaa banan hoogganoonni paartilee mormituuf deggertoonni isaanii argamuu isaaniif galateeffataniiru. Sababaa waltajjiin kun qoophaa’eefis ibsanii jiran.

Waltajjiin kun kan qoophaa’e sababaan inni ijoon paartileen mormituu biyya keenya keessaa uummanni isaan bakka bu’an waan jiraniif mootummaa waliin karoora walii galaa kan waggoota shanan dhufanii mari’achuun barbaachisaa dha jennee waan amanneefi jedhan.

Karoora mootummaan lafa kaa’e kun hojii irra ooluu kan danda’u lammiiwwan biyyattii hojii irra oolchuuf yoo ka’an qofa jechuu dhaan waltajjii kana qopheesse.

Haasaa dhageessisaniin mormitoota waliin adda addummaa imaammataa qagaachuun qaruma walii galtee hin qabnu jechuu miti waan ta’eef kan irratti wal falminuu yoo jiraate wal falminee biyya tokko waan qabnuuf jecha immoo qabxii isin biraa ka’uuf walitti nu fidu walitti qabuuf waan ta’eef wal ga’iin kun mik’aaina ni argata jedheen amana jedhan.

Mormitoonni wal ga’ii sana irratti hirmaachuu hin feene gamtaa medrek, dhaabi gutummaa tokkummaa itiyoopiyaa fi paartii Semayawi ti. Dura taa’aan paartii semayawi obbo Yiliqal Getinet akka jedhanitti sadarkaa biyyaatti walii galteen biyyoolessaa yoo jiraate qofa waliin dubbachuu dandeenya, kun immoo hojii irra hin oolle jechuun deebii kenna. Waltajjiin har’a baname kun kan xumurame karoora guddinaa fi transformation isa duraa ennaa ta’u guyyaa borii immoo karoora isa lammataa irratti mari’ata jedhamee eegama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG