Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ganzabee Dibaabaa,Sanbata Dhufullee Beejingitti, Warqii Lammeessoo Moo’uuf Barii Lafaa Qofa Eeguutti Jirti


Genzebe Dibaba
Genzebe Dibaba
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:34 0:00
Xurree marsariitii

Kaan akka allaati barrifti jedhaan kaan ammoo akka guchii utaalti fa jedhaan, ka Ganzabeen yo ceetu miilinuu lafa hanqata fakkaata jedhulleen hedduu.

Wanti mirkanaa ammoo atileetiin Itoophiyaa Ganzabee Dibaabaa atileetii fiigichaan addunyaa moohuutti jirtu.

Ganzabee qofaa mitii maatiin obboo Dibaabaa Qananiituu warra addunyaa fiigichaan afaan qabsiise.

Ganzabeen bara 2015 qofa marroo jaha dorgommii addunyaa irratti warqii badhaafamte.Rekordiin haarahii Monaakoo isiin Adoolessa bara 2015 metirii 1500 mootelleen ammallee harkuma isii jira.

Ganzabeen Hagayya 18,2015 irratti dorgommi metirii 1500 moote.Hagayya 29, 2015 ammoo metiri 5000 moohuuf qophi jirti.Qophooftee jennaan, rabbi waliin eeyee jette.

“5000f qophii gaarin godhe,1500 kan fiige qophuma 5000f hojjadheen mooha’ee.Baa’inaan shaakala kan go’e 5000 irratti,rabbi waliin geeba (waancaa) biraa akka dabalu biyya kootiif abdiin qaba.”

Namii hedduun waan akka akkatin Ganzabee faarsa,kaan Ganzabeen baga teenna taatee jedha,kaan baga maatii Obboo Dibaabaa taate jedhaa warra si faarsuun maan jetta jennaan.

“Deeggarsii isaanii baayyee nu gargaaraa jedha.Galtoomaa warra maatii Dibaabaa deeggran hundaanYero hunda akka nu bira ejjattan.Hamileen keechan anaf jajjabeenyaa.Galtomaa jedha warra na deeggran hundaaf.”

Ganzabeen ganna kana keessa takkaa moohamtee hin beettuu Sanbata dhufllee hinuma mooti jedhanii eegan.

Warra si deeggaruun Ganzabeen hinuma mootii abdiin gammachuun lafa dhiita jennaa jennaan ammoo,“kkk…eeyee.”

Shaampiyoonaan Addunyaa 15essoo Beejingi,Chaayinaa,istaadiyoomii Bird's Net jedhanitti itti jiran Hagayya, 30,2015 dhumataa haga ammaatti Keenyaatti madaaliyaa hedduu argatee dura jira,Itoophiyaan warqii argachufu ittuma jirti.

Namii hedduun Ganzabeen akka allaattit barriftii,akka guchi ceetee miilii lafa hanqata fakkaataa jedha.Isiin maal jetti? Maatiin Obboo Dibaabaa Qananii maanti akkana fiigsisa, Ganzabeen nama ganna 24ti nama akka isii dorgomuu fedhuun maan gorsiti?

Qophi ispoortii Wiixata dhufu keessatti itti deebina.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG