Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommii OSFNA Bara 2015 Kilabii MN,Oromo United(OU)ti moo’e


OU fi MN 11 Stars
OU fi MN 11 Stars
Me tanallee caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:37 0:00
Xurree marsariitii

OSFNA 2015
OSFNA 2015

​OSFNA, (Oromo soccer tournament of North America,) maqaa waldorgommii Ispoorti Federeshinii Hawaasa Oromoo Amerika Kaabaati.

Dorogmmii tana bara 1996 kialbii jahaan Kanadaatti jalqabanii amma guddattee 22 taate.Dorgommii kubbaa miilaa OSFNA bara 2015 kialbii MN Oromo United (OU) Kilabii Minisootaa, 11 Stars moo’ee waancaa fudhate.

OSFNA 2015 St.Paul MN
OSFNA 2015 St.Paul MN

​Taphi daqiiqaa 120 dhumatee jennaan dhiittaa adabbii(Penalty) kennaniifii Oromoo United 3-2 moote.

OU-n tana waliin marroo lama wal faana waancaa fudhatte. Gareen Awustiraaliyaa sadeessoon afreessoon ammoo kialbi Madda-Walaabuuti.

OSFNA 2015
OSFNA 2015

​Dorgommii OSFNA 2015 Awstiraliya fi Kanaadaa waliin kilabii 22 dhufe Hagayya-1-Hagayya 8, 2015, istaadiyoomii James Griffin keessatti tapahte.

MN Hagayya 1-8,2015 torbaan Oromoo(Oromo Week) jedhanii qophii bashannanaa,ispoortii,marii fi qophii aadaa hedduu achitti tolchan.

Shaampiyoonaa OSFNA 2015 Oromoo United(OU)
Shaampiyoonaa OSFNA 2015 Oromoo United(OU)

Dorgommii ispoortii keessaa fiigcha maqaa atileetiksi Abbebee Biqilaatiin qopheessan,wal dorgommii kubbaa miilaa dubraa faatti jira.

OSFNA,dhaabi ispoortii Oromoo Amerikaa Kaabaa bara 1996 hujii jalqabee barana Huseen Ejeroo waggaa lmaaaf perezidantii filate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG