Xurree ittiin seenan

Breaking News

Perz.Obaamaan bulchootii Suudaan Kibbaa Hagayya 17 irratti walii galuu baannaan 'adabamuu malan'


Armed police officers walk outside Borough Market after an attack left seven people dead and dozens injured in London, Britain.
Armed police officers walk outside Borough Market after an attack left seven people dead and dozens injured in London, Britain.

Waraanii Suudan kibbaa bulchootii akka biyya bulchan irratti wal dhabanii ummati jidduutit dhumate jireenna nama miliyoona hedduu irraa balleesse.

Addunyaan rakko falumatit jirti.Perzidaanti Obaamaalleen gaafa Itoophiya adhaqellee woma rakkoo tana irratti bulchoota Suudan Kibbaatiin walti dhufe jabeessee itti dhaame.

Akka perezdaanti Obaamaan jedhettibulchootii tun Hagayya 17,2015 rakkoo isaanii fixatanii walii galanii walii mallatteessuu malan.Tahuu baannaan…

“Kalee bulchoota naannoo suniitiin wal agarre.Rakkoo jirtu irratti walii galle. Mr.Machari fi Mr.Kiiri rakko tana ammoo haga Hagayya 17 fixachuu malan. Akka yaada kiyyaatti jarii kun wali galuu baannaan hawaasii addunyaa waan jarii kun ummata tolcheef gatii baasisuu male.Addunyaan gabaasa Koomishii Waldaa Afrikaa eegachuutti jirti.Maal jennaan falii jabaan biyyiti haarahii tun qabdu jara walit qabee nama fixe kana adabuu.”

Warrii eegii Suudan Kibbaa akka biyyaatti baatee asitti ummata ficcisiise jedhanii himatan bulchoota mootummaatii fi paartilee mormituuti.

Wannii Koomishiinii Waldaa Afrikaa haga ammaallee rakkoo Suudan Kibbaa tana irratti gabaasa hin baasiniif akka paartileen tun rakkoo jirtu ufumaan faltan tolchuuf.

Perezidaanti Obaamaan Waraana Waldaa Afrikaallee waan hedduun galateeffate.

“Waan waraanii Waldaa Afrikaa Somaaliyaa jiruuf lAl-Shabaab lafa dhabaa mootummaan Somaalee ammoo jabaachaa dhufe. CAR keessatti duula Waldaa Afrikaatti humna waraana LRA laaffise.Chaadiitti waranaa biyya hedduu Waldaan Afrikaa duuleenitti, waraana Bokoo Haraam akka hamaa nama fixuutti jiran diqqeessaa dhufe. Hardha ammoo warra lubbu namaa badii dhowwe kanaa galata galchina.Jabaa fi jabduu Afrikaa lubbuu nama baduu dhowwuuf hojjate faarsina.”

Perzidaanti Obaamaan yoo Afrikaan jara biyya nagaa dhowwutit duultu USA Afrikaa gargaarti jedha.

Perezdaanti Obamaaan yoo Itoophiyaatti imatluu haga guddaan bulchota Itoophiyatii fi Waldaa Afrikaa wlaiin waan nagaa irratti dubbachuuf asi gahe.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG