Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manii Murtii Liibiyaa Ilma Perzdanti Liiibiyaa ka durii,Seyif al-Islaamii Du’aan Adabuuf Balleessa Itti Mure


This image made from AP video shows Seif Al-Islam Gadhafi, Fulbaana,19, 2013 Liibiyaa magalaaa Zintaan keessatti qabanii hidhan
This image made from AP video shows Seif Al-Islam Gadhafi, Fulbaana,19, 2013 Liibiyaa magalaaa Zintaan keessatti qabanii hidhan

Seiyif Al-islaam,ilma Mohaammar Gadaafi ka duriiti.Gaafa mootummaa abbaa isaa jige isaa fi miilota mootummaa suni hedudu qabanii waluma jalaa balleessaa itti murutti jiran.

Nama kana balleesaa innii ganna afuriin duratti ummata hiriira bahee akka abbaan isaa, Mohaammar Gadaafii hujii irraa bu’u gaafate ficcisiise jedhe ijjeechaa itti mure.

Manii murtii kun bulchoota Liibiyaa jabana Gadaafii, itti gaafatamaa basaasa biyya sunii Abdullah al-Senoussi fi muummee minsitera isaanii ka durii Baghdadi al-Mahmoudi waliin nama saddeetti du’aan adabuuf balleessaa itti mure.

Taatullee Ilmii Gadaafii ijjeechaa itti muran Seif al-Islam kun harka jara balleessaa itti muree hin jiru.Liibiyaa amma milishoota hedduutit gama gamaan bulcha.Jarii kun ufiifuu wal dhaqaa hin qabuu nama balleessa itit muran kanallee jara balleesaa murtetti kennuu fi dhibaachuun mirkanaa miti.

Manii murtii addunyaa,ICC Seif al-Islam wanjala gugurdaa ilmaan namaatti hojjate jedhe hidhachuuf barbaadachaaa bahe.

Mootuammaan Liibiyaa bara 2011 keessaa hujii irraa buusanii.Eegii sunii asitti milishootii biyya sunii mootummaa gama gamaan wal irratti qabaa biyya bulchuutti jiran.

Perzdaantii Liibiyaa eegii mootummaa isaa hujii irraa bu'ee magaalaa Sirtee keessatti ijjeesan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG