Xurree ittiin seenan

Breaking News

USA!USA!Tanaan Sadeeffachoo!USAn tapha Waancaa Kubbaa Miilaa Addunyaa Bara 2015tti Jappaan 5-2 mootee badhaafamte

United States forward Abby Wambach (20) and United States defender Christie Rampone (3) hoist the trophy after defeating Japan in the final of the FIFA 2015 Women's World Cup at BC Place Stadium, July 5, 2015.

Kaan biyya isaa maqaan yaamee faarsa,kaan alaabaa hargufaa,kaan gammachuun lafa dhiita.

Ka istaadiyoomi Vankuuver Kanaadaa jiru tapha daawwachuuf dhufe dhiisii ka TVn tapha sun daawwatulleen fuluma jirutti gammachuun qiliixama.

Tapha Wancaa Addunyaa USA fi Jappaan taphatan goolii qaraa Carli Liyoditti daqiiqaa sadeesso irratti galche.Daqiiqaa lama qofa jalaa haftee ammallee isummaan dabalatte,suna qofaa mitii daqiiqaa 16esso irralleetti keessa buufatte isummaan.

United States goalkeeper Hope Solo (1) hoists the FIFA Women's World Cup trophy as she and her teammates pose with their medals after defeating Japan in the final of the FIFA 2015 Women's World Cup at BC Place Stadium, July 5, 2015.

​USA daqiiqaa 16 keessatti goolii afur galfatte.

Liyod,itti gaafatamtuun kilabii kubbaa miilaa Amerikaati,nama ganna 32 tapha Waancaa Addunyaa tokkotti nama goolii sadii galche ka qaraa taate.

Daqiiqaa 14eeoo irratti ammoo taphattu Amerikaa Holiday tokko irra buuseef.

Jappaanilleen abdii hin kutanne daqiiqaa 27 irratti Ogimi goolii tokko galchiteefii,daqiiqaa 52 essoo irratti ammoo taphattuun Amerikaa Johanesten goolii tokko ufittigalchitee taphii USA 5-Jappaan 2 taatee moote.USA ta bara 2015 waliin marroo sadii dorgommii Waancaa Kubbaa Miilaa Dubartii Addunyaa moote.

Walumattu dorgommii biyytii 52 magaallota Kanaadaa gara garaa keessatti taphatte irratti goolii 146 galte.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG