Xurree ittiin seenan

Breaking News

“Durii durii miila akaakuu kiyyaa jala taa’ee baradhee fi gorsa akkoo tiyyaaatti barumsa PhD kanalleen na gahe”


Dr.Faatummaa Boruu Guyyoo
Dr.Faatummaa Boruu Guyyoo
Me tanallee caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:10 0:00
Xurree marsariitii

Dr.Faadummaa Boruu Guyyoo haadha ijoollee didiqqoo lamaati. Durumaa durii durii, hiibboyyaa,gadaa Booranaa,seenaa Afrfikaa,ka addunyaatii seena saba hedduu barachu feeti.

Durii durii fi waan hedduu akaakuu isiiti fi akkoo isii irraa barachaa dhuftetti asin is gahe.

“Akaakuu isan eessaa dhuftan?Akaakuu Boorannii hagii tokko Keenyaa hagii tokko Itoophiyaa jiraa maaniif akkana?” jedhee gaafadhaa jette.

Dr.Faadumma seenaa Afirkaa,ka addunyaa barachaa dhuftee dhiyoo ammoo Amereikaa yuniversitii Southern Illinosi ka Chicago jirtuu PhD eebbifamte.

Dr.Faatummaa Boruu Guyyoo
Dr.Faatummaa Boruu Guyyoo

Biyya alaatti haadha maatii tahanii,hujii hojjachaa,barachaa deemuun hin jabaatti maanti asiin si gahe jennaa;

“Abbaa kiyya diqqaatti na gargaaree,ufi dhugeeffadhee ta sadeessoo ammoo qilee Akkoo Manooyyee bu’uu dide tanatti na gargaare.”

Akka jecha Dr.Faadummaatti dhugeeffachaa ufii qabaachuun biratti karoora ufii qabaachuun,obsaa,gargaarsa jaarsa isii argattee fi gargaarsaa fi jajjabeenna nama hedduu ka asiin isi gahe galateeffatte.

Warra seenaa barreessuun maan jechuu feeta jennaan waan dhugaa ta namii irraa wa baratu barreessuu wayya jette.

Waan baratte kanaan ummata keessaa dhufte maaniin gargaaruu dandeetta jennaan;

“Wannii ani baradhe karaa dhuugaan gosa gargaaruu dandeetti maan jennaan baduu dhowwiti,seenaan waan egerillee aadaallee addunyaa barsiisuu dandeetta fedhii tiyyatti achi keessa jira.”

Barumsa PhD gahuuf wannii nama dhibaa maan jennaan namii yo ufii beekee waan baheef beeke fulaa hedduu gahaa jetti.

Egerii maan hojjachuu feeta jennaan ammoo ijoollee dubraa akka isaan barumsa PhD gahan gargaaraa jetti.

Dr.Faaduma gaafa barumsa PhD fixuuf deemtu wannii isiin barreesite Historical Perspectives on the Role of Women in Peace-making and Conflict Resolution in Tana River District, Kenya, 1900 to Present jedha.

Qooda haawaan ummata Keenyaa OrmaS fi Pokomoo nagaa biyya isaanii eeguuf qooda isaan qaban barreessite.Tun maan gargaarti jennaan, “nagaan nadheen keessa hin jirre nagaa hin tahu.”

Asiin duubatti maan hojjachu feeta jennaan akka ijoolleen dubraa carraa barnootaa argatan NGO bane hojjachuu feena jetti.

Dr.Faatummaa Boruu,barsiisota isii Dr.Bantii Geetahun fa
Dr.Faatummaa Boruu,barsiisota isii Dr.Bantii Geetahun fa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG