Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dararaan keenya baqannus dhumachuu dide jedhu baqattoonni


Baqattoonni Paariis keessaa poolisiin Fererensaay mirga keenya dhiitaa nu reebaa mana hidhaatti nu darbe jechuun iyyataa jiran. lammiiwwan biyyattii jedhu baqattoonni kukanneen mirga baqattoota kanaa falman illee utuu hin hafin gaazii imimmaansu itti biifuu dhaan hiriira mormii isaan geggeessan bittimse poolisiin.

Dararaa jalaa dheessuun isinitti baqanne jennee itti iyyannus akkaataa isaan itti nu dararaan biyya demokraasiin keessa jiru utuu hin taane biyya abbaa irreen bulu fakkaata jedhan. Hiriirri guddaan har'as itti fufee magaalaa Paaris keessatti geggeessamaa ka jiru ta'uu illee bqattoonni kun ibsanii qaamni dhimmi ilaallatu gareeleen mirga namaf lammiiwwan keenya rakkoo nu irra ga'aa jiru addunyaatti nuuf haa beeksisan jechuun iyyatan.

​Gaazexeessaan dhuunfaa nuti Paris keessaa haasofsiisne gochaa gara jabinaa poolisiin baqattoota irratti raawwatu ijaan arguu isaa nuuf ibsuu dhaan mootummaan Ferensaay bakka qubusumaan isiniif kenna jedhee baqattoota kana dugdee magaalaatti geessuu dhaan poolisiin isaan hordofee dararaa jira jechuun dubbate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG