Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qabeenyaa qabaniin wal deggeruun daanii Carraa jireenyaa waliif saaquu dha


Denver,coloradon magaalaalee US keessaa kan akkaan guddataa jiru keessaa ti. Lkoobsi namoota mana jireenyaatiin alaa ta’an heddumminaan keessa jiraatan enaa taatu kanneen kuma 5800 ol ta’an qubusuma ykn daandii irra jiraatu. Kunis kan beekame bara 2014 keessa halkan tokkotti lakkoobsa geggeessameen ture.

Manni buna itti gururaan tokko garuu ijoollee dargaggoota mana jireenyaatiin ala ta’an leenjisuu dhaan jireenya haaraa akka jalqabaniif carraa kenneef.

Odu gabaastuun VOA Paula Vargas hojjettoota mana bunaa “Purple Door Coffee shop” jedhamu kanaa keessaa tokko haasofsiistee jirti. Hojii kana argachuun attamiin jireenya isaa akka jijjiire dubbata.

Kevin Persons nuusa jireenya isaa mana jireenyaatiin ala jiraate. Har’a garuu mana bunaa espresso kana keessaa kan hojjetu si’a ta’u mana jireenyaa argateera.Mana jireenyaa iyyuu qabaattee yeroo kana hojii argachuun rakkisaa dha. Yoo mana jireenyaa hin qabaanne ta’u garuu innumaa iyyuu cimaa ta’a jehe.

Ergamni mana bunaa “Purple door” jedhamu kanaa tajaajill isaa buna dhiyeessuu dhaan oli. Abbootiin qabeenyaa mana bunaa kanaa jireenya namootaa jijjiiru barbaadan. Waggaa lama dura dargaggoota sadii hanga arfrii waggaatti mindeessu turan.

Qubsuma kanakka “Urban Peak” jedhamu bakka Kevin jiraataa waliin wal ta’uu dhaan namoota mindeessuuf gaafatan.Kan qubsuma Urban Peak hoogganan Kim Easton michummaan hojjechuun hawaasaaf baay’ee barbaachisaa dha jedhu.

Namni tokko dhipina yaadaaf qalbii hamaa kan daraggoonni kun yeroo dheeraaf keessa jiraatan keessa yoo jiraatu, akkasumas jiraachuuf yeroo mara ennaa qabsaa’u, carraa hojii ykn attamiin jireenya isaa akka geggeessu, attamiin maallaqa akka qabuu danda’u, nyaata attamiin akka bilcheessu, attamiin kiraa isaanii yeroon baasuun akka irra jiraatuuf kun martinuu maliif akka barbaachisu illee nama irraa baratu hin qabu jedhan.

Mana bunaa Purple Door jedhamuuf gargaartuu hundeessituu kan ta’an Madison chandler fi michuun isaanii torbanitti guyyaa tokko hojjettoota waliin wal argu.

Mata dureelee shantama ta’an fayummaa sammuu, maallaqa, qulqullinaa fi maamiltoota keessummeessa qabee mari’achuu dhaan qajeelfama jireenyaa kennuufii akkasumas hojjettoonni isaanii jireenya isa darbe boodatti akka dhiisan yaada isaan gargaaru waliin mari’atu. Kanneen keessaa jedhan Madison:

Namni keenya inni jalqabaa sagantaa nuti qopheessine keessaa eebbifame mana konkolaataa suphan keessaa hojjeta. Waggaa tokko oliif hojjeteera.Kevin muuxanoo haaraa barachuu isaaf galateeffatee jira. Sagantaan kun carraa inni kana dura hin arganne naa kenne jedha.

Kan isaan fedhan nu jijjiiruu miti. Ofii keenya akka of jijjiirru fedhu. Kaayyoo akka qabaannuu fi galma qabatamaa ta’e akka qabaannu jedhan.

Badhaasi inni guddaan namni tokko eenyummaa isaatti amanuu ennaa jalqabuu fi ofii isaanii jireenya hawwaa turanitti ennaa milkaa’an ykn argachuu akka qaban amanuu ennaa jalqaban arguu dha jedhanKan baatii kana umuriin isaa waggaa 25 guutu Kevin daandii iraa ka’anii mana keessa jiraachuun ofii isaaf badhaasa guddaan kana caale hin jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG