Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiiwwan Itiyoopiyaa Yemen irraa deebi'an


Baqattoota Yemen
Baqattoota Yemen

Ka magaalaa Finfinnee keessatti dhalattee guddate Kadijjaa Mohammed, waggaa digdama dura mana-barnootaa sadarkaa lammaffaa akka xumurtetti gara YEMEN-tti godaante. Achumatti eerumtee, maatii horattee jiraataa tute. Nama biyya ishee ka ta’e abbaa-manaa ishee wajjiin ijoollee lama qaban dhiira tokkoof durba tokko qaban. Abbaan manaa ihee uffata hodhuudhaan, isheen mana namaa tii hojjechuudhaan jireenya ofii geggeeffataa turan. Kana gidduutti haalli YEMEN keessaa jijjiirame. Finciltoota HUUTII fi kan SAUDI-ARABIA-n hoogganamu humna wal-taatotaa xayyaaraan isaan tuman gidduutti waraansi deemaa jiru, biyyattii ka jireenyi irraa baqatee fi duuti keessa buufate taasisee jira. Kanaaf Kadijjaa fi maatiin ishee, biyya waggoota hedduuf keessa jiraatan gad-lakkisanii, kaleessa lammiwwan Itiyoophiyaa ka biroo waliin Finfinnee seenan.

Kan umuriin waggaa 16’aa mucayyoon Aadde Kadijjaa Aanaan Muusxafaa, soda fi yaaddoo waraansa sana irraa kan ka’e dhukkuba dadhabbii onneef saaxilamuu ishee dubbatti. Maaliif akka biyyatti deebite gaafatamtee akkas jette Aanaan .

Karaa jimmaa irraan magaalaa TAJII keessa ka jiraataa turtee fi waggaa sadii dura kan gara YEMEN deemtee turte Aadde Dirribaa Margaas kanneen KALEESSA gara Itiyoophiyaatti deebi’an keessaatti. Maaliif akka deebite, gabaasaan keenya ESKINDIR FIREW gaafatee akkana jette Dirribeen.

Biyya YEMEN, magaalaa ADDAA jedhamtu keessa, mana nama dhuunfaa keessaa hojjettummaatti bobbaatee jiraataa turte – Dirribeen. Otuu achii hin ba’iin haala ture ibsite.

KALEESSA, Dirree-xayyaaraa BOOLEE tti argamuun ka baqattoota lammiwwan Itiyoophiyaa YEMEN irraa gara biyyaatti deebi’an ka simatan Ministarri Dhimma-alaa Itiyoophiyaa Dr. TEWODROOS ADHAANOOM baqattoota sana deebisuun akka haala gaariitti jiru dubbatan.

Har’a dhibba lamaa fi jaaatama tu gale. Haga ammaatti gara kuma lamaa fi dhibba shanii fi digdamii afurii ti kanneen gara biyyaatti deebi’an. Kanaaf gaarii dha. Eega Dilbata dabree tii jalqabee, guyyaa guyyaatti deebisaa jirra. Addaan hin cinne jedhu.

Haga ammaatti, dhibba afurii ol galmaa’uu isaanii ka dubbatan Dr. TEWODIROOS duraan uummata baasuu jalqabanii, dirreen xayyaaraa haleelamuu isaan addan citee ture. Amma eega dirreen-xayyaaraa sun suphamee deebisnee immoo, guyyaa guyyaatti namoota baasuu jalqabne - namoonni galmaawaa jiru jedhu.

please wait

No media source currently available

0:00 0:03:47 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG