Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirri MEDREK waame ni hafe duulli filannoo itti fufe


Uummata Amboo hiriira paartii Medrek waame irratti hirmaate
Uummata Amboo hiriira paartii Medrek waame irratti hirmaate

Bakkee Jaan meedaa jedhamutti kanneen argaman deggertootaa fi miseensota paarti MEDREK 200 hin caalle turan. Kanaaf jecha wal ga’iin sun geggeessamuu kan hin dandeenye ta’uu miseensota, deggertootaaf gaazexeessota achitti argamaniif kan ibsan barreessaa paartii medreK obbo Gebru G/Mariyaam turan.

Doktor Mararaa hiriira Amboo irratti
Doktor Mararaa hiriira Amboo irratti

Kanaaf kan itti gaafatamu hiriirri sun waltajjii Masqalaatti akka hin geggeeffamne kan dhorke bulchiinsa magaalaa Finfinnee, IHADEG fi poolisii dha jedhan.

Wal ga’ii nuti har’a waamne akkuma sila jedhame waltajjii Masqalatti ture. Hin eeyamamu jechuu dhaan asitti akka geggeessamu ta’e. Asi immoo naannoon isaa poolisii dhaan marfamee, poolisiinis isa kana duraa caalaa heddumminaan ba’ee uummati akka rifatu godhe jedhan.

Kanneen ofi irra deebi’anis jiru. Kanaaf kaadhimamtoonni magaalaa Finfinnee ofii isaanii beeksisuuf wal ga’ii isaan har’a waaman akka barbaadametti milkaa’uu baatu iyyuu kanneen asitti argamtan uummata keenyaaf ergaa dabarsuuf ni geessu waan ta’eef soda kana bira darbitanii asitti argamuu keessaniif maqaa kaadhimamtootaa fi maqaa paartii Medrekiin isinan galateeffadha jedhan.

Barreessichi Medrek VOAf akka ibsanitti wal ga’iin sun maaliif utuu hin geggeessamin akka hafe dubbataniiru. IHADEG ofii isaatiif wal ga’ii garaa garaa asitti waamee jira. Namoota karaa adda addaan gara wal ga’ii kanaa dhufanis ni dhorku jedhan. Hiriira kana irratti uummata hagamiitu argama jettanii tilmaamtanii turtan isa jedhuuf ennaa deebisan:

Nuti uummata kuma 35-50 oltu argama jennee eegaa turre. Kana immoo wal ga’iilee kutaalee biyyaatti geggeessine irratti arginee jirra. TV irrattis argamee jira. Inni kan Finfinnee waan addaa miti. Garuu dhiibbaa nu irra kaa’ameen ba’iin isaa kana ta’eera. Gama keenyaan ergaan darbeera waan ta’eef hagas waan nu jeequ miti jedhaniiru.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee gama isaan deebii kenneen waltajjiin Masqalaa waan hin eeyamamneef sababi isaa maal akka ta’e ibsee jira.

Bulchiinsa Finfinneetti itti gaafatamaan daayroktreetii kaabinee obbo Feleqee Negaash akka jedhanitti haalli qabatamaan waltajjii masqalaa ifaa dha. Waltajjiin sun ijaarsi daandii baaburaa fi sochiiwwan ka biroon naannoo itti geggeessamu waan ta’eef wal ga’iif akka hin eeyamamne ibsaniiru.

Duula filannoo Amboo fi Gudar Dr. Mararaa waliin
Duula filannoo Amboo fi Gudar Dr. Mararaa waliin

Yeroo dhiyoo wal ga’ii ittisa laga Abayaa ilaallate kanneen geggeessan angawoota mootummaa ol aanoos waltajjii masqalaatti akka hin geggeessine dhorkinee turre jedhan. Obbo Feleqeen akka jedhanitti Medrek wal ga’ii sana akka geggeessuuf garuu JAN MEDAn eeyamameera jedhan.

Paartii Medrek ilaalchisuun komeewwan kanneen biroon dhiyaatan garuu Finfinnee dhaa ala waan ta’aniif raga akka hin qabaanne tuqaniiru. Mana maree bakka bu’otaaf kanneen dorgoman kaadhimamtoota 270 kan dhiyeesse Medrek, naannolee adda addaa keessatti duula filannoo geggeessaa jira. Dura taa’aa paartichaa dabalatee bulchiinsi ol aanaan ka Medrek har’a Jan Meedaatti hin argamne. Paarticha bakka bu’uun kan dubbatan obbo Gebru G/mariyaam garuu filannoon sun kan haqaaf walabaa akka ta’u paartii biyya bulchuuf waamicha dabarsaniiru.

Ka biroo deggeraa Medrek kan ta’an obbo Tesfaye Aberra kanneen hiriira har’a Medrek waame irratti hirmaatan keessaa si’a ta’an paartiin isaanii IHADEG caalaa waan wayyu fidee dhufa jettanii yaaddu isa jedhuuf ennaa deebisan:

IHADEG guddina dinagdee wayyaawaa galmeessisaan jira yeroo jedhaa jirutti filannoon kun geggeessama. Kun sagalee Medrek argachuu male dhabsiisa jettanii hin tilmaamtanii? Obbo Tesfayen akkas jedhan.

XS
SM
MD
LG