Xurree ittiin seenan

Breaking News

Baqattoonni Yemen lolli deebi’ee ka’uu mala jechuun soda qaban ibsan. Lollis deebi’ee itti fufe


Baqattoonni Yemen keessa jiraatan gargaarsi namoomaa Tokkummaan motummootaa waadaa seene biyyattii ga’us kanneen Aden keessa jiran hin dhaqqabin jiraachuu ibsaniiru. Lolli yeroof dhaabate iyyuu sodaan garuu akkuma nutti haguugetti jira jedhu. Gareeleen wal fincilanis huuruu qawwee walitti gargalfatanii wal eegaa waan jiraniif lolli kun deebi’ee hin ka’u abdiin jiru hin jiru jedhaniiru.

Bishaan qulqulluun naannoo waan hin jiraanneef bishaan galaanaa soogidda qabu lubbuu oolfachuuf dhugaa jirra waan ta’eef inni immoo fayyummaa keenya balaa irra buusaa jira, yoo dhukkukbsannes ibsaan waan hin jiraanneef hospitaalli tajaajila fayyaa kennu hin jiru jireenyi keenya balaaf saasilamee jira jedhan. Reeffi namootaa daandii irratti kufe qaamni kaasu waan jiraanneefis fooliin dhufu ammas dhibee ka biroo dhaqqabsiisaa jira kanaaf hawasi addunyaaf lammiiwwan keenya naannoo addunyaa gama danda’ameen akka nutti birmatan waamicha dabarsina jedhan.

Gabaasa boodana dhaqqabeen immoo haleellaan samii irraan hooggana Saudiin geggeessamu walii galteen lola dhaabinsaa guyyootii shanii erga xumuramee booda manni ripxe loltoota Houthii irratti fuuleffachuun itti fufee jira. Dilbata kaleessaa gara ganamaa hoogganoonni Yemen waa’ee walitti bu’iinsa biyyattii keessaf furmaata barbaaduu irratti mari’achuuf Riyaad Saaudii keessatti wal arganii jiran, bakka buutonni ripxe loltoota Houthii garuu hin argamne. Haala baqattoonni kun keessa jiran bakka bu’aan baqattoota Oromoo gamasii nuuf ibsaniiru.

XS
SM
MD
LG