Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhiibbaa Mootummaa Nutti Hammaate iyyuu Duula Filannootti Milkaawaa Jirra


ddddd
ddddd

Hoogganaan damee dargaggootaa, ka Kongiresa Federaalawa Oromoo, Obbo Destaa Dinqaa ti, kan kana dubbatan. Buufataalee Filannoo, Bulchiisa naannoo Oromiyaa keessatti ka duula filannoo bal’aa fi cimaa geggeessaa jiru paartii isaa qofa ta’uu dubbatanii, paartiin aangoo mootummaa harkaa qabu, Dhaabbatni Dimookiraatawaa Oromo illee akka keenyatti duula sirnaawaa geggeessaa hin jiru, jedhu – Obbo Destaan.

Uummata biratti illee simannaa fi deggersa guddaa akka argatan kan eeran, Obbo Destaa Dinqaa, keessumaa dhiheenya kana kan mana-hidhaatii hiikaman itti-aanaa dura-taa’aan paartichaa – Obbo Beqqelee Garbaa – magaalaalee Wallagga Bahaa fi Dhihaa keessatti walga’iilee geggeessaman irratti argamuun uummtichaaf gammachuu fi hamilee guddaa kennee jira, jedhu. Gama biraatiin, dura-taa’aan Kongiresa Federaalawaa Oromoo – Dr. Mararaa Guddinaa, Oromiyaa keessatti bakkawwan hedduutti ennaa paartiin isaanii duula filannoo geggeessu, humnoonni paartii mootummaa danqaa fi miidhaa jajjabaa akka irratti raaw’ataa jiran himatanii jiran.

Himannaa isaanii Boordii Filannoo Biyyoolessaa fi ka Bulchiisa Naannoo Oromiyaatti dhiheeffachuu isaanii illee kaleessa nuuf ibsanii turan.

Ka dhimmi kana irratti deebii nuuf kennan, Dura-taa’aan Boordii Filannoo dame Oromiyaa – Ambasaddar Disaasaa Dirribsaa – himammaa sana simachuu isaanii fi akka dhimmi sun qoratamu koreelee hundeessuun, tokko gama Oromiyaa Bahaatti kaan gama Oromiyaa Dhihaatti bobbaasuu kaleessa dubbatanii turan. Ani illee koree gama Dhihaatti bobba’e keessan jira, jedhanii turan. Har’a, qorannaan sun sadarkaa maalii irra jira? Deebii nuuf kennan qophii keenya keessaa qabna.

please wait

No media source currently available

0:00 0:12:26 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG