Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ofii Balaa Galaana Irraa Hafuuf Carroome. Firri Isaa Garu Ni Ajjefame-Kutaa 2ffaa


Baatii Ebla bara 2015 keessa Donii godaantoota 400 ol feetee galaana Meedtraaniyaan keessatti liqimfamtee keessaa lubbuun hafuuf kanneen carroman nama 4 qofa kan jedhu dargaggeessi Oromoo maqaan isaa soda nageenyaaf jecha ifatti akka hin ibsame gaafate tokko lammiwwan Itiyoophiyaa 30 kanneen dhiyeenya kana gareen hidhatoota ISIS ajjesee keessaa tokko ilma adaadaa isaa kaan immoo Hiriyyaa isaa ta’u Raadiyoo Sagalee Amerikaaf ibsee jira.

Firri jalaa ajjefame kan inni obboleessa waliin guddanne ittiin jedhu Awwaqee Gammachuu Hiriyyaan isaa immoo Mangistuu Gaashee kan jedhaman ta’uu ibsee jira. Obboleessi isaa baatii 3 dura sudaan irraa ka’ee Beengaazii, Libiyaa yeroo dhaqqabeetti bilbilaan waliin dubbatanii akka turan kan dubbatu baqataan oromoo balaa irraa hafuuf carroome kun na bira Tripoolii dhufuuf imaltuu jalqabauu isaanii natti himanii turan jedha. Kana giddutti ture sagalee isaanii kan dhabe. Baatii 3 booda garuu lammiwwan Itiyoophiyaa 3 fi kan Eertraa lama kanneen garee ISIS harkaa miliqanii ba’an Tripolii keessatti argee Awwaqee fi Mangituun harka jara ISIS akka jiran itti himanii lakkoobsa bilbila waardiyyaa mooraa jarreen keessatti hidhamanii kennaniif. Bilbilee obboleessa koo gadhisaa waan barbaachisu mara nana godha akka jedhuuf gorsan.

Akka gorfameetti bilbilee maqaa namoota barbaadu lameenii yeroo itti himuu namanii akkas jedhamu hin jiru, bilbila kana eessaa argatte? Ofii kee eessa jirta? Eenyuu jedhamta ? jechuun gaaffii waan itti heddumeesaniif soda nageenya ofii jecha yaalii godhu dhaabuu isaa dubbata baqataan kun. Sana booda Abdii kutatee baatii keessa jirru Ebla walakaatti galaana irraa imaltuu gara xaaliyaaniitti qajeelee donii liqimfamte keessaa lubbuun hafuuf eega carroomee booda xaaliyaanii seene.

Achittis mana komputaraa seenee ituu waa ilaallaa jiru oduu lammiwwan Itiyoophiyaa ISIS harkatti ajjefamuu arge suuraa obboleessa isaa fi hiriyyaa isaa vidiyoo irraa adda baafachuu dubbata. Of wallaaleen kufe jedha.

please wait

No media source currently available

0:00 0:13:01 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG