Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Leenjisaa Kubbaa Miilaa Portugalii Bitatte Dhaabdee Leenjisaa Haaraa, Yohannis Sahilee Biyyumaa Filatte


Mariyaanoo Barettoo leenjisaa kubbaa miilaa Itiyoophiyaa hujii irraa dhaaban
Mariyaanoo Barettoo leenjisaa kubbaa miilaa Itiyoophiyaa hujii irraa dhaaban

Mariyaanoo Barettoo nama ganna 58 durii manaajera kubbaa miilaa Poortugaaliiti.Bara 2009 itti aanaa leenjisaa kilabii Raashiyaa FC Kuban Krasnodar tahee hojjate.

Itiyoophiyaan akka Barettoon kilabii biyyoolessaa isii Waaliyaa jabeessee waancaa Afrikaa bara 2017 qopheessuuf ganna dabre bitatte.

Taatullee akka jecha perezdaanti Federeshiini Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa Juneddiin Bashaa jedhutti leenjisaa tokko yo qaxaran,waan irraa eeganitti jira; “kilabii duratti deemsisu dandahaa? “Horiin isa irratti bahu hagam? fi waan hedduu ilaalanitti jiraa jedha.

Yoo kunilleen tahu baate hoo jennaan nama lama ka isatti aanutti jira taatullee nama tokko abdii guutu irraa qamna jechuun dhiba. Akka oduu gara garaatti ammoo Bareettoon garee ogummaa Waaliyaatiin walii galuu dadhabe.

Leenjisaa kubbaa miilaa Itiyoophiyaa haaraa,Yohannis Sahilee
Leenjisaa kubbaa miilaa Itiyoophiyaa haaraa,Yohannis Sahilee

Leenjisaan haarahi Itiyoophiyaan filatte Yohannis Sahilee dhalootaan Itiyoophiyaa lammii USA bara 2010 biyyatti deebihee kilabi Deddebiti leenjisuutti jira.Itiyoophiyaan dorgommii kubbaa miilaa Waancaa Afrikaa bara 2017 irratti Aljeeiyaa,Leseetoo fi Siishelsi faan walti marte.

Oduu atileetiksii

Atileetotii Itiyoophiyaa maratoonii biyya alaa moohumatti jiran. Dorgommii (Sanbata Ebla 26,2015) Waarsoo fi Londonitti dorgoman Tigisti Tufaa, Faaxummaa Saaddoo fi Hayilee Lammiitti moohe.

TigistiTufaa Ebla,26,2015 maratooni London moote
TigistiTufaa Ebla,26,2015 maratooni London moote

Tigisti mootee galtee jennaan qilleensati na dhibe malee silaa hagana caalee moohaa jette.Hayile Lammii Birhaanuulleen maratoonii Waarsoo moo’e. Hayileen dorgommii km 42 IAAF qopheessite (2:07:57) moohe. Atileetiin Keenyaa Robert Chemosin lammeessoo, sadeessoon ammoo Maarqoos Gennetiiti.

Hayileen atileetii dorgommiin gudachuutti jiran keessaa tokko. Faaxummaa Saaddoolleen maratoonii Warsoo Poolandi moohe.Faaxummaa nama ganna 23 dorgommi kalee(Ebla,26,2015) rekofrdii haaraa argatte.

Dorgommii fardoo Amerikaa

Amerikaan biyya fardoo hedduu qabaachuun beekamtu. Dorgommii fardoo teettoo fardaati fi fardii qolchaan irratti dorgomu sadeen; Kentucky Derby, Preakness Stakes fi Belmont Stakes.

Dorgommii fardoo Amerikaa Preakness stakes jedhan
Dorgommii fardoo Amerikaa Preakness stakes jedhan

Kentucky Derby,kutaa Kentucky magaalaa Louisville, Preakness Stakes magaalaa MD fi ka Belmont Stakes ammoo NY keessatti dorgoman.Namii dorgommii tana sadeenuu moo’e badhaasa Triple Crown jedhan badhaasa guddaa argata.

Dorgommii tana irratti fardoo ganna sadiitti dhoqqee keessaa horihaa,karaa km wal qolchisiisaa waan gara garaatiin wal dorgoma.

Dorgommii fardoo Amerikaa Kentucky Derby jedhan ta bara 2013
Dorgommii fardoo Amerikaa Kentucky Derby jedhan ta bara 2013

​Maqaan fardoo dorgommii baranaa iratti walqolchanii Lion of David, Farahoo, Big Browinii kkf.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG