Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Finxaaleyyii irratti tarkaanfii Fudhatamuu Qaba jedhu mormitoonni


Ajjeechaan gara jabinaa IS fudhate tarkaanfiin homtuu utuu hin fudhatamin darbuu hin qabu jedhan obbo Kasahun Abebaw. Kanaaf mootummaan yeroo utuu hin fudhatin tarkaanfii guddaa akka fudhatu yaadachiisuu feena jechuu dhaan VOAf ibsaniiru.

Mootummaan tarkaanfii seeraa akka fudhatu barbaanna. Lammiiwwan keenya irratti tarkaanfii Itiyypiyaa keessatti hin baratamnetu irratti fudhatame. Kanaaf callisamee ilaalamuu hin qabu. Kun baratamuun gara fuudla duraatti lammiiwwan itiyoopiyaa biyya keessaa fi ala jiraniif kun dhiittaa mirgaa hamaa waan ta’eef ammummaa tarkaanfiin hin fudhatamu taanaan gara fuula duraatti miidhamuu danda’u.

Gochaa gara jabinaa dargaggoota keenya irratti raawwatame kun uummata Itiyoopiyaa gaddisiiseef boosise waan ta’eef calliinsaan waan ilaalamu miti kanjedhan obbo Abebaw uummatichis mootummaa irraa waan eegu qaba jedhan. Mootummaan tarkaanfii kana akka isaa mijatetti fudhachuu danda’a garuu gumaan ijoollee kanaa deebi’uu qaba jedhee paartiin isaanii kan amantu ta’uu ibsaniiru.

Achuma Libya keessatti kanneen hafaniif amma iyyuu kanneen hidhataniin iggitamaa kan jiran lammiiwwan Itiyoopiyaa jiraachuu VOAf lammiiwwan ibsa kennan mirkaneessaniiru. Gaaffii fi deebii sana kan dhaggeeffatan barreessan MEAD kun namoota sana baraaruuf yeroon fudhatamuun irra hin jiraatu jedhan.

Mootummaan callisee cisuun wana irra jiraatu natti hin fakkaatu. Hojii guddaa hojjechuutu irraa eegama. Galagala oduu ani VOA irraa dhaga’e baay’ee nama gaddisiisa. Mucaa Addisuun haasofsiisaa ture sana maatiiwwan koo ennaa dhaga’an boo’aa turan.

Yoon bilbila kaasuu baadhe egaa na hin komatin jedha ture. Baay’ee gaddine. Kanaaf mootummaan gama diplomaasiis haa ta’u karaa ka biraa hojii isaa hojjechuu qaba amantii jedhu qabna jedhan.

Haalli kana booda jiru hedduu sodaachisaa dha. Ija keenyaan akka waan arginuutti nutti dhaga’amee rifanne jedhan obbo Abebaw. Kanaaf haala akkasii ittisuuf hojiin kana dura hojjetame dadhabaa waan ta’eef TM-tti iyyachuutu barbaachisa. Humna hin qabnu yoo ta’es gargaarsa gaafachuun barbaachisaa dha jedhan.

Godaantummaa dhabsiisuuf biyya keessatti waa hedduutu hojjetamuu qaba kan jedhan obbo Abebaw, loogiin utuu hin jiraannee, haqi utuu jiraate godaantummaan ni xiqqaataa jedhu. Paartilee mormituun kanneen biroon gocha bineensummaa IS balaaleffachuu dhaan ibsa baasaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG