Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obboo Hayilee Maariyam:Itiyoophiyaan ISIS tahee AL-Shabaab Dhaabuuf Humna Barbaachisaan Chochooti


(FILE) Muummee minsitera Itiyoophiyaa
(FILE) Muummee minsitera Itiyoophiyaa

Namii Itiyoophiyaa Dirree Masqalaatti bahee milishoota ISIS balaaleffatee,hiriirii mormii mootummaa balaaleffatulleen jalumaan jira.

Namii hiriira bahe hagii guddaan qalbii tokkkoon dubbii muummee ministeraatii fi abbootii amantii caqase roga gama gara garaatii ammo nama hedduutti mormii dhageessisaa ture.

Akka muummeen ministera Itiyoophiyaa hiriira Dirree Maqaslaatti bahe irratti dubbatetti wannii milishooti ISIS baqataa Itiyoophiyaa Liibiyattti tolchan akkii isaan itti fixanii fi akkii namii itti gadde waan namii hubachuu dandahu.

Jarii akkana nama fixu kun addunyaayyuu dhibuutti waan jiruuf Itiyoophiyaan jara kana irratti qabsaahuuf kurfoo jirti jedha obbo Hayilee Maariyam.

”Hujiin jara biyyaa nagaa dhowwu ka akka ISIS tahee AL-Shabaab hojjatan ummata nagaa jaalatuu fi mootummaan itti wal gargaaree ufi irraa dhowwanii ufi jalatti deebisuu waan malaniif biyyitii teennalleen tana irraa kaatee sochii hujii bineensaa tana dhaabuuf hojjatan cufatti dabalamtee humna qabdu cufaan itti dabalamti.”

Warra addunyaa nagaa dhowwu tohachuun biratti ka biyya keessatti nagaa nama dhowwu irralleetti duuluun waan jabaatanii hojjachuu malan jabduu keessaa tokko jedha.

“Biyya keessatti yaada siyaasaatiin gargar tahuu malee hujii hamtuu irratti ammoo yaada tokkoon irratti walii galuu waan malleef dhaaabbileen siyaasaa cuftii bu’aa siyaasaa argachuuf kophaa yaahuu fi wal caaluuf fiiguu manna hujii hamtuu tana irratti walii gallee ergaa ummataa jabduu dabarsuu malan.”

Akka obboo Hayilee Maariyam jedhetti wannii milishooti ISIS nama fixaniif akka namii Itiyoophiyaatti amantiin gargar bahee wal fixu.Tana maleellee jaalala namii Itoophiyaa walii qabu jiraachuu dhowwuu

Akka muummeen minsniteraa jedhutti hujiin warra biyya nagaa dhowwuu ka Itiyoophiyaa naannoo gara garaa keessatti mumullachuutti jirtu ammuma fala argachu baannaan akkuma ISIS tahuu dandeetti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG