Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti bu’iinsa hiriira Finfinnee irratti ta’eef Semaayawii Paartiitu itti gaafatama jedha mootummaan


Ministeerri dhimmoota kominikeeshinii kan Itiyoopiyaa Redwaan Huseen hiriira har’a magaalaa Finfinnee keessatti geggeessame irratti walitti bu’iinsa uumameef itti gaafatamaan paartii mormituu Semayawi paartii ti jechuu isaa gabaasaan keenya Melesk achew Amehaa nuu ibsee jira.

Har’a jechuunis Ebla 22 bara 2015 oduu galgala darbeen gabaasa ka biroon akka tuqetti guyyaa borii jechuunis Ebla 23 hiriirri seeraan alaa waamamuu isaa hoogganaan waajjira bulchaa magaalaa Finfinnee obbo Aseggid Geetaachoo ibsanii turan. Kana ilaalchisuu dhaan itti gaafatamaan quunnamtii uummataa Semaayawii Paartii obbo Yoonaattan Tesfaayee paartiin isaanii hiriira waamuuf qophaa’e hin qabu, jeeqama jedhames paartichi quba kan hin qabaanne ta’uu ibsanii, qeeqa paarticha irratti dhiyaates haalaniiru.

Muumichi ministeeraa Ityoopiyaas gama isaaniin garee Islaamummaa kana irratti duuluuf paartileen siyaasaaa dabalatee adda addummaan jiraatu illee kana sadarkaa lammataatti ilaaluu dhaan inni duraa balaa shorokeessummaa ittisuu dha jechuu isaanii Meleskachoo Amehaa nuuf ibsee jira.

XS
SM
MD
LG