Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gareen finxaaleyyii IS lammiiwwan Itiyoopiyaa galaafate


Garee finxaaleyyii islaamummaa ISIL jedhamuun kaleessa kanneen Libya keessatti ajjeefaman lammiiwwan Afriikaa kan Itiyoopiyaa ta’uu waajjirri dhimmootii kominikeeshinee mootummaa beeksisee jira.

Kan guyyaa borii wal ga’uuf jiru paarlaamaan Itiyoopiyaa lammiiwwan biyyattii Afriikaa kibbaa fi Libyiyaa keessatti ajjeefaman yaadachuuf guyyaa gaddaa biyyoolessasa kan labsu ta’uus ibsi kun beeksiseera.

Kaleessa gara jabinaan kanneen Libyaa keessatti ajjeefaman ilaalchisee mootummaan Itiyoopiyaa akka jedhetti ilmoo namaa irratti kan raawwatame gocha qaanessaa fi suukaneessaa waan ta’eef mootummaan aarii dhaan balaaleffata.

Har’a guyyaa sa’a torba irratti ibsa waajjira dhimmootii kominikeeshinii mootummaa maqaa dha’uu dhaan korporeeshiniin sabaa himaa Itiyoopiyaa akka gabaasetti yeroo ammaa suraaleen namoota du’anii adda baafamaa kan jiru ta’uu isaaf qaamotii adda addaan lammiiwwan Itiyoopiyaa ta’uun isaanii mirkanaa’eera. Ibsi sun itti dabaluu dhaan lammiiwwan isaa irratti miidhaa ga’e kanaaf hedduu gadduu isaa ibsee maatiiwwan isaaniif jajjabina hawwee jira.

Gara fuula duraattis mootummaan tarkaanfii fudhatu uummataaf kan ibsu ta’uu isaaf guyyoo boriis paarlaamaan wal ga’uu dhaan Afriikaa kibbaa fi Libya keessatti kanneen gara jabinaan ajjeefaman yaadachuuf guyyaa gaddaa biyyooleessaa sadii labsuuf kan jiru ta’uu waajjirri dhimmootii komnikeeshinii mootummaa ibsa isaan beeksisee jira.

Itti dabaluu dhaanis guutummaa biyyattii fi embaasilee isaa biyyoota adda addaa jiranitti alaabaan biyyattii gad siqee akka fannifamu paarlamaan murteessuuf kan jiru ta’uu ibsi kun yaadachiiseera.

Kaleessas ibsa waajjira kana biraa ba’e yaadachiisuu dhaan ibsi haaraa ba’e mootummaan duula farra shororkeessummaa baase cimsee kan itti fufu ta’uu galaan lammiiwwan badii hin qabaanne irratti raawwatame kun kan isa hin dagachiisne ta’uu mirkaneesseera. Duula shororkeessummaa irratti jalqabame uummati akka deggeru mootummaan waamicha dabarsee jira. Ibsi kun itti dabaluu dhaan biyyattii keessatti carraan hojii bal’achaa waan adeemeef gara fuula duraattis carraan kun hirmaannaa uummataan babal’ataa akka deemu abdachuu dhaan lammiiwwan Itiyoopiyaa kallattii eegumsi irra hin jiraannetti deemuu dhaan godaantummaa balaa irra isaan buusu irraa akka of qusatan yaadachiisee jira.

Mootummaan Ameerikaas maqaa dubbi himtuu dhaaba naga eegumsaa biyyoolessaa Bernadit Mihaaniin ibsa baaseen gareen finxaaleyyii kun tarkaanfi inni lammiiwwan Itiyoopiyaa irratti fudhate balaleffachuu dhaan gara jabeessaa fi hojii bineensaa ittiin jedhee jira.

Itiyoopiyaatti Ambaasaddorri Ameerikaa patriishiaa Hatlak gama isaaniin rakkoo Ameerikaanis itti duultu shororkeessummaa ilaalchisuu dhaan mootummaa Itiyoopiyaaf deggersa gochuu kan itti fufu ta’uu irra deddeebi’uun mirkaneessuun fedha jechuu dhaan maatiiwwan namoonni duraa du’aniif uumamta Itiyoopiyaaf gadda cimaa itti dhaga’ame ibsaniiru.

Gama biraatiin immoo as Washington DCtti kan argamu dhaabi First Hijirah jedhamu ibsa baaseen ajjeechaa suukanneessaa kirstiyaanota lammiiwwan Itiyoopiyaa irratti Libya keessatti raawwatame nu rifaasise, kanaaf namoota amantii maraa naannoo addunyaan balaaleffatamuu qaba jedhee jira. Hojiin bineensummaa akkasii kanneen raawwatan amantii kamiinuu ala jedheera. Maatiwwan namoonni duraa du’anis haala ittiin du’a firoottan isaanii dhaga’an ibsaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG