Xurree ittiin seenan

Breaking News

Iraanii fi Biyyoonni Humna-qabeeyyiin Addunyaa Waa’ee Sagantaa Niyukilaraa Iraan Irratti Walii-galtee Marroo Jalqabaa Tolfatan


Perez.Obaamaa:Walii galteen tun seenaa qabeettii.
Perez.Obaamaa:Walii galteen tun seenaa qabeettii.

Waa’ee Sagantaa Niyuuklilaraa Iraan irratti wiizerlaand, magaalaa Laawusen keessatti kanneen guyyota saddeetiif mar’ataa turan jilloonni Iraanii fi ka gurmuun biyyoota Humna-qabeeyyii Addunyaa irraa murtiilee ijoo ta’an irratti walii-galanii jiran.

Hooggantuun imaammata alaa Gamtaa Awuroopaa, Federikaa Mogeriinii Har’a ibsa kennaniin Waxabajjii soddomatti walii-galtee xumuraa irra ga’uuf ka bu’ura ta’u murtiin cimaan lafa kaayamee jira.

Moogeriiniin akka jedhanitti walii-galtee ammaa kun sochiilee hojii Niyuukilaraa Iraan daangessee, warshaa Niyuukilaraa ishees guutummaa biyyattii keessatti ka Naataanz tokkicha taaisa.

Kun eega hojii irra oolfamee raggaasisamee booda, Gamtaan Awurooppaa fi Yunaayitid Isteets immoo, ugguraalee dinagee Iraan irra kaa’anii turan mara irraa kaasuuf jiran.

Prezidaantiin Iraan, Hasan Ruhaanii fi Ministarri Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets, Joon Keeriin gam agama isaaniin Twiiterii irratti ergaa barreessaniin dhuguma walii-galteen eegalaa tolfamuu mirkaneessanii jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG