Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yuniversitiin Keeniyaa tokko ni haleelame


Kenya attack
Kenya attack

Haleellaa gareen al-Shabab university kan kaaba gama bahaa Keniyaa keessa jiru irratti raawwateen yoo xiqqaate barattoonni 70 ta'an du'uu isaanii angawoonni Keeniyaa beeksisaniiru.

Minsiteerri dhimma biyya keessaa biyyattii Joseph Nkaissery akka jedhanitti barattoonni itti dabalaa 79 haleellaa har'a Yniversitii Garrissa kan Naayroobii irraa fageenya km 370 irratti argamu irratti raawwatameen madaa'aniiru.
Kanneen 500 ta'an kan baraaraman si'a ta'u barattoonni 160 ta'an immoo hin argamiin jiru. Kanneen haleellaa kana raawwatan gamasii baasuuf barattoota itti dabalaa barbaachuuf duulli geggeessamu itti fufee jira jedhan ministeerichi.

Kenya University Attack
Kenya University Attack

Haleellaa sanaaf kan itti gaafatama fudhate al-Shabab loltoonni Keeniyaa Somaaliyaa keessatti lola oofuu isaanii ijaa ba'uuf jedhee jira. Poolisiin akka jedhetti kanneen hidhannoo qabantu mooraa mana barnootaa sana weeraruu dhaan utuu adda hin baasiin dhukaasuu qaban. Nkaissery-n akka jedhanitti kanneen haleellaa sana raawwatan sana keessaa afur ajjeefamaniiru.

Angawoonni Keeniyaa nama haleellaa kana qindeessuuttii hidhata qabu jedhame Mohamed Mohamud-n eessa akka jiru nama beeksiseef doolaara kuma 200 kan kennan ta'uu beeksisan. Mohamud maqaa Gamadheere ykn Dulyadayn jedhamuun beekamu haleellaa al-shabab Keeniyaa irratti geggeessu hooggana jedhama.

Kenyan authorities are offering a reward more than $200,000 for a man allegedly connected to the attack identified as Mohamed Mohamud. Mohamud, also known Gamadhere or Dulyadayn, is said to be al-Shabab's chief for external operations against Kenya. Namni kun duraan mana barnootaa amantii Garrissa keessaa barsisaa ture. Pesident Uhuru Keniyaattaas haasaa TV irratti dhiyaachuun dhageessianiin maatii namoonni haleellaa sanaan duraa du'aniif gadda itti dhaga'ame ibsaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG