Xurree ittiin seenan

Breaking News

Fiilmiin Afaan Oromoo Haaraan “Ajaa’iba”


Fiilmii Afaan Oromoo
Fiilmii Afaan Oromoo

Kan Afaan Oromoon haaraa ba’e fiilmiin Ajaa’iba jedhu Ebla 4 jechuunis Sanbata dhuftu magaalaa Shikaagoo keessatti uummataaf mul’achuuf jira.

Fiilmiin kan seenaa nama gaddisiisu kan nama gammachiisuus of keessaa qabaachuu isaa barreessaa fi directorri fiilmii kanaa obbo Saamsoon Maariqoos ibsaniiru.

Fiilmii kana kan barreessan obbo Saamsoon oguma fiilmii barreessuu barnootaan argachuu baadhuus fedhii fi quuqaman guddina afaan kanaaf qabu gumaacha gama koo akkan ba’u na dirqisiise jedhan. Afanoota kanneen biroo dhaan fiilmiiwwan hedduun yoo ba’an kan Afaan Oormoo garuu hagas ta’uu dhabuun hinaaffaa na keessatti uume jedhu obbo Saamsoon. Kanaaf dhaloonni borii uummata koof maal hojjette yoo jedhan waanan jedhu hin dhabu jedhan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:10:36 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG