Xurree ittiin seenan

Breaking News

Arjentiinan Tapha Jaalalaa USA-ti El Salvador Waliin Taphatteti 2-0 Moote. Kilabii Arjentiinaa Keessa Ijoolleen Afrikaa Maaniif Hin Jirre?


Arjentiinaan tapha kana irratti 2-0 El Salvador moote
Arjentiinaan tapha kana irratti 2-0 El Salvador moote

Tapha Arjentiinaa fi El Salvador waliin taphatan irratti goolii qaraa Ever Banega galche lammeessoo Firederico Mancuhello saati hobbaate keessa buufatee Arjentiinaan 2-0 El Salvador moote.

Sadarkaa FIFA-n kaaheetti Arjentiinaan 2essoo jirtii El Salvador 89essoo jirti
Sadarkaa FIFA-n kaaheetti Arjentiinaan 2essoo jirtii El Salvador 89essoo jirti

​Dorgommii kubbaa miilaa Arjentiinaa fi El Salvador istaadiyoomii FedEx Filed MD keessatti taphatan nama kuma 54 bahee daawwate.

Arjentiinaan dorgommii hariyummaaf taphatan tanaaf nama hedduu guurratee dhuftee,Carlos Tavez (Juventus), Orban Lucas (Valencia CF) Messi(Barcelona),Gonzalo Higuain (Napoli)Pablo Zabaleta, Sergio Aguero (Manchester City)Ezequiel Lavezzi(Paris Saint Germain)fi Javier Mascherano (Barcelona)faa fidatan.

Meesii gaafa Riil Maadriid waliin taphatu miila keessa dhiitanii taphachuu baatullee yoo kilabiin isaa 2-0 moote gamuma qummaadee tapha daawwata.

Gooliin qaraa daqiiqaa 54eesso irratit galtee ta lammeessoo daqiiqaa 88essoo irratit keessa buusan.

Tapha Arjentiinaa fi El Slavador MD keessatti tapahtan kana nama kuma 54 bahee daawwate
Tapha Arjentiinaa fi El Slavador MD keessatti tapahtan kana nama kuma 54 bahee daawwate

Kubbaa qaraa galte tapahtaa Arjentiinaa Baneengaan dhiite taphatan El Salvador Nestor Renderos ufi irraa dhowwaa irratti daqiiqaa 54esso irratti ufiitti galche.

Federico Mancuello ammoo daqiiqaa 88essoo irratti goolii tokko irra buuseefii taphi sunumaan hobba’e.

El Salvadooriin Arjentiinaa waliin taphatte tun biyya diqqoo nama miliyona torbatti dhiyaatu qabdu. Yoo Arjentiinaa waliin taphatanillee akka Arjentiinaan isii mootu hinuma beekan.

Taatullee namichii goolii eeguuf Derby Carrillo goolii Da Maria,Gonzalo,Lucasii fi namii heddun dhiitu akka rasaasaa xiixaa yaatu haga tokkotti qomatti haga kaan hlafatti qabatee goolii irraa dhowwate.

Manaajerii Arjentiinaan Gerardo Martino kilabii isaaniitti dabalamuuf balbaltii namuufuu banaa jedha
Manaajerii Arjentiinaan Gerardo Martino kilabii isaaniitti dabalamuuf balbaltii namuufuu banaa jedha

Arjetiinaan maaniif akka kilaboota addunyaa ta dhibii taphatoota Afrikaa kilabi isii keesaa hin qamne?Akkanum jedhee manaajera Arjentiinaa Gerardo Martino gaafannaan akkana jedhe.

“Biyya hedduu waliin taphannaa, Awurooppaa, Afrikaa, Eezhiyaa fi hedduu waliin taphanna,balbaltii teenna namuufu banaa,”jedha.

Nama kuma 54 tapha kana daawwacuu dhufe keessaa hagii guddaan ka El Salvador. Namii biyya tanaa kuma hedduutti DC jiraata.

Leo Meesii, Bitootessa 28,2015 USA ,MD Fedex Filed
Leo Meesii, Bitootessa 28,2015 USA ,MD Fedex Filed

Arjentiinaan Amerikaa dhuftee tapahcuuf $ 2,000,000 argatte ,El Salvador ammoo $150,000 argatte.

Gama kaaniin ammoo dorgommii manneen barnootaa naannoo Baahir Daaritti taphachaa bahan Oromiyaatti moo’e.Atileetotii Itoophiyaa dorgommi Chaayinaatti dorgoman akka jecha leenjsiaa Toleeraa Dinqaatti madaaliyaa warqii shan argatani moohan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:06:33 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG