Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyooopiyaan tajaajila Interneetii 4G jalqabamuu labsite


Obbo Abduraahim Mohamed itti gaafatamaa Itiyoo Teleckoom
Obbo Abduraahim Mohamed itti gaafatamaa Itiyoo Teleckoom

Tajaajila interneetii dhaloota arfaffaa kan 4G jedhamu jalqabamuu isaa sanbata darbe Hoteela Hilton keessatti beeksisamee jira. Kanaanis maamiltoonni tajaajila hammayyaa fi saffisaa ta’e kan ittiin argatan ta’uu Ethi Telecom ibseera.

Tajaajila Broad Bandii telefoona harkaa fi komputera isaanii irratti kan argatan ta’uunis ibsameera. Teknooloojiin kun Afriikaa keessaa haaraa ta’uu isaa kan dubbatan hoji geggeessaan Ethio Tele com obbo Abdurahim Ahmed Ethiopiaan gama kanaan biyya 20ffaa ta’uu ishee ibsanii jiran.

Kun biyya keenya keessatti ennaa hojii irra oolutti Afriikaa keessaa baatilee sadan darban keessa biyyoota 12 qofaa yoo ta’an amma garuu 19 ta’aniiru. Nuti kana hojii irra yeroo oolchinu biyyoota kudha lama qofaatu turan. Nuti sadarkaa yaalii irra yeroo geenyutti warri kaan immoo beeksisaa jiru jedhan.

Sadarkaa dhaan yoo keenye 1-6tti kan jiran hamma yoonaa 4G hojii irra biyyoonni hin oolchine jiru. Afriikaa keessaa 1ffaan Nigeria 2ffaan Masrii, 3ffaan Afriikaa kibbaa, 4ffaan Moroco, 5ffaan Aljiriaa, 6ffaan immoo Ethiopia ta’uu kan ibsan obbo Abdurahaman Masrii fi Morocon tajaajila 4G hojii irra hin oolchine jedhan.

Tajaajila intereetii 4G jedhamu kanaaf mootumaan Itiyoopiyaa kampanilee adda addaa waliin walii galtee kan mallatteessee fi baasiin doolaara biliyoona 1.6 kan itti ba’e kun qaama babal’isuu projektii Tele com ta’uu obbo Abdurahim ibsaniiru.

Akka jecha isaaniitti projektiin babal’isuu kun adeemsisamaa kan jiru kampanilee Hu waa wee, ZDTE fi Ericson-n ennaa ta’u amma kan hojii irra oole kan Huwaa-ween ti.

Teknooloojiin tajaajila interneetii 4G jedhamu kun ammaaf kan inni hojii irra oolu Finfinnee keessa qafaatti ta’uu isaa fi maamiltoonni kuma 400 ta’an kan itti fayyadaman ta’uu ibsaniiru. Naannolee biyyattii ka biroo keessatti hojjetaa kan jiru tajaajila interneetii 3G fi networkii kanneen biroo waliin garuu kan hojjetu ta’uu ibsaniiru. Fakkeenyaaf maamilli tajaajila 4G jedhutti fayyadamu bakka 4G-n hin jiraanne yoo dhaqe maamilli sun utuu hin beekin ofuma isaan gara 3Gtti of jijjiira.

Bakka tajaajilli interneetii 3G hin jiraannes yoo dhaqe 2Gn yoo jiraates isumatti of jijjiira. Kanaaf maamiltooni tajaajila 4G qabaatanii eessa iyyuu yoo dhaqan tajaajila ni argatu jechuu dha jedhan. Ethio Telecom tajaajila 4G kan labse gaii tajaajilli 3G jechuunis kan kana dura ture ilaalchisee komeen dhiyaachaa ennaa jirutti. Keessumaa tajaajila sana mobile isaanii irraa maamiltoonni qaban gatiin gaafataman hedduu guddaa ta’uu isaa dubbatu. Komeen sun jiraachuu kan amanan obbo Abdurahim adeemsa keessa kan sirraa’u ta’uu tuqaniiru.

Ta’us Itiyoopiyaa keessatti gatiin gaafatamu kan biyyootii Afriikaa irra kan gad xiqqaatu ta’uu dubbatan. Kampanilee adda addaan geggeessamaa kan jiru projektiin babal’isuu tele com dhuma waggaa kanaa kan xumuramu ta’uun beekameera. Sirna sana irratti akka ibsametti kun ennaa ta’u tajaajilli telecom kan walii gala guutummaa biyyattii dhibba irraa harka 85 wal ga’uuf jira.

please wait

No media source currently available

0:00 0:04:08 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG