Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bosonni Godina Arsii Lixaa keessaa gubachuu jiraatonni ni dubbatu angawoonni Oromiyaa garuu hubatiin dhaqqabe hagas miti jedhu


Naannolee Oromiyaa godina shawaa lixaa aanaalee Ammayyaa fi dirree Incinnii akkasumas godina Arsii lixaa aanaa Dodolaa keessatti ibiddi bosonaa ka’uu paarkii biyyoolessaa Baalee dablatee bosonaawwan hedduu mancaasee jira jechuun jiraattonni himatanii jiru.

Bulchiinsi aanaa dodolaa fi waajjirri dhaabbata bosona fi Bineensa bosonaa Oromiyaa garuu bosonni manca’e hagas guddaa mitii ibiddi ka’es to’annaa jala oolee jira jedhu. Akka jiraattonni dubbatanitti garuu aanaa Dodolaa keessaa bosonni gaarreen naannoo paarkii biyyoolessa Baalee jiran ibiddi itti qabatee bosonni hedduun manca'aniiru. Uummati hagi tokko itti birmatee dhaamsuuf yaalii godheen ogeessi dhimma bosonaa dhalataa naannoo Dodolaa kan ta'e obbo Biniyaam Admaasuu illee balaa ibdiddi kun dhaqqabsiiseen gubatee lubbuun isaa darbuun ibsamee jira.

Godina Shawaa lixaa aanaa Tiqur Incinnii keessa kan jiru bosonni Roggee jedhamus akkasuma ibiddi qabatee hedduun manca'uu jiraattonni dubbataniiru. Ijoolleen barattootaa fi uummati naannoo ibdidda kana dhaamsuu isaanii ibsuu dhaan achuma naannoo sanaa Bosona Doshee kan dirree Incinnitti ibidda qabate dhaamsuuf barattoota bobba'an humnootii naga eegumsaan ofi irra deebisamanii kaan isaanii hidhaatti darbamuu jiraattonni ibsaniiru. Dhaabbati Bosonaa fi bineensa bosona Oromiyaa garuu kana quba kan hin qabaanne ta'uu ibsee jira.

please wait

No media source currently available

0:00 0:12:43 0:00
Xurree marsariitii

please wait

No media source currently available

0:00 0:07:06 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG