Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal-falmii Filannoo Marsaa Jalqabaa


Filannoon Itiyoophiyaa geggeessamuuf ennnaa dhihaataa jirtutti, kaadhimamtoonni paartiilee mormituu fi ka paartii aangoo Mootummaa harkaa qabuu, wal-falmii filannoo televiiziyoonaa fi raadiyoon tamsaasamu ka marsaa jalqabaa torban dabre keessa jalqaban. Biyya mirgi yaada ofii ibsachuu dukkanaawee jiru keessatti carraa xiqqoo kana argachuunuu waan gaarii dha, jedhu hoogganoonni mormitootaa.

Garuu, wal-falmiin kun, bakka uummatni hin jirretti dursee waraabamuunii fi saansurii godhamuun, akkasumas ennaa wal-falmi sanatti paartii mootummaaf yeroo dheeraa kennaniin ka mormitootaa xiqqeessuun fi kanneen fakkaatan kan isaan mufachiise ta’uu dubbatanii jiran. Barreessaan Kongiresa Dimookiraatawa Oromoo, Obbo Beqqelee Nagaa akka jedhanitti, amma illee kaadhimamtoota paartii isaanii fi uummata isaan deggeru irratti dhiibbaa jabaa tu godhamaa jira.

please wait

No media source currently available

0:00 0:08:09 0:00
Xurree marsariitii

XS
SM
MD
LG