Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbush Sirbaan Guddachumati jira, Finfinneetti Istudiyoo Ufii Banate, Dorgommii Sirbitoota Afrikaa, 'KORA' Dhaquuf Kophiitti Jira


Abbush Zallaqaa
Abbush Zallaqaa

Abbush Zallaqaa amma sirbaan addunyaatti beekame kun waan diqqeennaan tahe maan fa qaabatta yoo jedhan waan hedduu jedha.

Gaara Nyaaroo,dira Yaaballoo gara gama Dhihaatin jiru jala re’ee tissaa, karaa marmartoo gaara Nyaaroo irraan qaxxaamuree eela Gulufaatii hori bisaan obaasuuf oofuu fi karaa dheeraa deemuu deemee bisaa obaasuu dhowwanillee hinuma qaabata.

Abbush dorgommii 'Kora Music Awards' baruma baraan Afrikaa Kibbaatti qopheessan irratti dorgomuuf qophii

Gaafa haadha hujii gargaaruuf jala gugguufu fa qaabata, Abbush.

Barii diqqeennaa dabree Abbushiin ganna 30 keessa jiru kun sirba CD sadii baase kun amma dhiira waan hedduu eegataa. Jirenna keessa dabrelleen sirbaan dubbata.

Qophii Abbush faatii bara 2013 DC-tti sirba keessaa sirban keessaa tokko
Qophii Abbush faatii bara 2013 DC-tti sirba keessaa sirban keessaa tokko

​Yoo dansumaa Gadaa,aadaa fi waliin jireennaa keessatti guddatee qaabatu “Jaala Jiloo,” jedhee sirba baase.Yoo taphaa khoblaa , qoosaa hariyaa, jireenna baaddiyaa keessatti guddatee qaabatu ammoo,”Loobolaa,” jedhee sirbe.

Haatii isaa ta gaafa diqqeennaa innilleen hujiin gargaaraa bahe hardhallee isuma waliin jirti.

Abbush waan ilmii haatii rakkoon guddiftee, saatii ilamii isii rakkoo keessa bahe adoo hin argin lubbuu dhabde tahu qaabatu “silaa isiin jiraattee na gartee,” jedhee sirbe.

Yoo waan warra adoo wal jaalatu wal irraa fagaate qaabatu ammoo, “Silaafuu Na hin yaaddu,” jedha.

Waan warra walqixxee wal jalachu isaatuu hin mirkanfatin;ka gurbaan waan isiin isa jaalatu sehu,ka intaltii ammoo isa dhiiftee nama dhibii jaalachuutit jiraachu isiituu hin beenne sirbu ammoo “Hinaandaa,” jedhee afaan lama walti make sirba.

Warra oduun “jettee, jetteen” wal dhabsiifte ammoo, ”ani hin jennee tun oduu nyaaphaati,” jedhee mormata.

Maqaan Istuudiyoo Abbush Finfinneetti banatee, Ruufa. Rufa Film production jedhee moggaase.

Maqaa Istuudiyoo Muuziqaa Abbush Finfinnee Jiruuti
Maqaa Istuudiyoo Muuziqaa Abbush Finfinnee Jiruuti

Maqaa Istuudiyoo Muuziqaa Abbush Finfinnee Jiruuti.

Ruufa Booranatti aadaa tolfatee yoo ilmi namaa dhalate ykn ammo yoo jila jajjabduu fa qaban mataattti marataa,ati maaf maqaa kana baafatte jennaan,"fiilmii hojjachuuf duru dharra’aa bahee achi gahuuf istuudiyo banadhee,anaayyuu ilmatti naa dhalate," jedhe,Abbush.

Istuudiyoon kun Finfinnee olla Bulgaariyaa jedhanii jira. Istuudiyoo sun keessaa ammoo hojjatoota 11 qaba.Mi’a muuziqaallee Amerikaa itti bitate.

Abbush guddachumatti jiraa sirba “Kora Music Awards,” jedhan sirbitootii Afrikaa Afrikaa Kibbaatti walti dhufanii ganna 1-2 keessatti wal dorgoman.

Dorgommiin Kora Music Awards jedhan gannaan duubatti jalqabdii.Hagasittuu Abbush waan sirba addunyaa irrattiin dorgomu DVD,ykn Kilippii qopheeffachuutit jiraa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:10:48 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG