Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchiinsii Magaalaa Minisootaa,USA Aadaa fi Eennummaa Oromoo Jabeessuuf Jedhee Karaa Tokko Oromo Street,Karaa Oromoo Jedhee Moggaase


Oromoo street jedhanii moggaasuuf yaada ummataallee caqasan
Oromoo street jedhanii moggaasuuf yaada ummataallee caqasan

Dubbiin MN keessatti maqaa Oromootiin karaa moggaasuuf murteessan tun qaraa akka yaadaatti dhiyaatte eegee koree bulchiinsa magaalaa irra maraa dhuftee Ammajii 12,2015 yaada ummataalle irratti caqasan.

Yaada kanaan duubatti ammoo Koomishiini Karoora magalaa Minniyapoolis yaada kana fudahtee akka Oromoo MN keessatti maqaa ufiitiin karaa aragattu murteesse.

Karaan Oromo street jedhan kun 4th Street South Cedar Avenue fi 15th Avenue South jedhan jiddu jiru kun MN wadhakkaa jira karaa gugurdaatti itti wal qaxxaamuraa Ebla keessa eebbisiiuuf qophi jiran.

karaa maqaa Oromootiin moggaasuuf walii galan
karaa maqaa Oromootiin moggaasuuf walii galan

​Namii akka Oromootiin maqaa moggaasan yaada dhiyeesse, Miseensa Mana Marii bulchiinsa magaalaa Minniyapoolis,Abdii Warsameeti.

Qooda Oromoon magaalaa tana keessaa qabaniif galateeffachaa, biyya itti horanii ijoollee itti guddifatan keessaa akka qoodallee qabaatan tolchuuf jedha.

“Ani ummataa Afrikaa hedduu bakka bu’ee hojjadha.MN keessa ummata Afrikaa hedduutti jira.Ummata Afrikaa ani bakka bu’u gugurdaa keessaa tokko Oromoo. Ummati kun aanaa anii jiraadhu, naannoo Brooklyn fi MN gama gamaan keessa jiraata.Aadodo jaarrolee Oromoo,ijoolle kahimaa fi nama akka akkaatiin wal mari’adhu fedhii isaanii arge.”

Miseensii Mana Marii Warsameen yaada kana koree isaaniitiin gahee fudhatama argateef.

“Eennummaa isaanii[Oromoo] afaan isaanii qooda isaan magaalaa tana keessaa qaban agarsiisaa,qooda isaaniillee magaalaa tana keesstti guddisuuf maqaa isaanitiin moggaafne.”

Tana caalaatti ammoo akka miseensa mana marii MN Abdii Wasameetti namii alaa MN dhufulleen qoodii Oromoon magaalaa tana keessaa qabduu beekaaf.

“Akka Oromoon caalaa mullattuuf,caalaa qooda qabaattuuf.Tun anaaf waan guddaa,saba Oromo ani bakka bu’elleef akkasuma waan guddoo.Magaalii kun teenna isaan jechisiisa.Ilmaan isaani asitti dhalatan,asitti guddatan---tanaafuu aadaa fi afaan isaanii jabaatanii guddachuuf qaban.”

Namii yaada kana falmee jiraa jennaan ammoo; namii falmee hedduun hin jiru taatullee wanti jalqabee hojjachuu malan hin jirtuu?Ka jedhelleen hinmuam jiraa jedha.

“Nuuf wantii guddoon eennummaa namaa mirkaneessuu,huji isaatiin galteeffachuu afaani fi aadaa isaatiin faarsuu,qooda isaan magaalaa keessaa qaban mirkaneesuun waan jabduu.”

Fkn akka miseensa mana marii kanaati biyya cufa keesatti sabii toko qooda biyya sunii keessaa qabaatu qaba.

Miseensa Mana Marii magaalaa Minniyapoolis,Abdii Warsamee
Miseensa Mana Marii magaalaa Minniyapoolis,Abdii Warsamee

​London,USA fi biyya hedduutti naannoo maqaa sabaatiin yaamanaitit jira

“Namii maqaan Oromoo MN keessattti barreefamu arge, Oromoon eennummaa Oromoo, seenaa Oromootii fi waan Oromoo hedduu beekaaf.”

Woma taateefuu karaan maqaa Oromootiin moggaasan kun akka jecha Miseensa Mana Marii bulchiinsa magaalaa Minniyapoolis Abdii Warsameetti yoo cabbiin MN dabarte gara ji’a lamaa sadiin duubatti akkuma hawaasii Oromoo MN fedhetti eebbissiisani hujii jalqaban.Akkamit ulfeessnai eebisiisan jennaan

“Ijoollee,jaarrolee fi maatii walti yaamanii eebbisiisan.”

Miseensii Mana Mari magaalaa Minniyapoolis bara 2013 keessa nama bara dheeraa fi miseensa mana marii magalaa Minniyapoolsii tahee hojjachuu bahe, Robert Lilligreen moo’ee hojjachuutti jira.

Paarti Abdii, DFL,Democratic Farmor Labor Party jedhan paarti Demokiratik waliin hojjatan.

Paartii tun MN keessati guddo beekamti. Paartii tana keessaa bulchoota zoonii MN sadii,Senetii USA afurii fi bakka buutota USA sadiitti filame. Paartii MN seera baaftu hedduu paartii tana keessaa filaman.Warsameen abbaa warraatii intala dubraa tokkoo qaba.

Abdii warsame Somaaleetti dhaltee Londonitit guddate yuniversitii UK gara garaa keesatti baratee nama ganna 40 jalatti dhiyaachuutti jiru.

Itti gaafatamaa Hawaasa Oromoo MN,Obboo Hassan Huseeniif ammoo Oromoon MN keesstti maqaa ufiitiin karaa argachuun gammachuu akka inni aadaa isaa dabalee guddifatu tolcha.

Koree bulchiinsa magaalaa Minniyapoolis,bara 2014 keessa
Koree bulchiinsa magaalaa Minniyapoolis,bara 2014 keessa

​Karaa kana irratti maqaa fi eennummaa ufiitii irratti barreeffachuu fi qophii gara garaa itti qopheeffachuun,aadaa ufii mullisuun eennummaa Oromoo guddisaa, maqaa Oromootiin mallattoo qabaachuun waan nama gammachiisaa jedha.

Gama kaaniin ammoo bulchiinsii Magaalaa Minniyapoolsi Somaalleellee MN keessatti Somali Street jedhee maqaa isaaniitiin karaa moggaase.

Karaan Somali Street jedhan ammoo 6th Street fi Cedar Avenue haga 15th avenue South jedhanm jidduu jiru.

Bulchiinsii magaalaa Minniyapoolis karaa MN keesatti Oromoo kenne kana gaafa cabbiin dabarte eebbisiisuuf qophii jira.

please wait

No media source currently available

0:00 0:11:35 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG