Xurree ittiin seenan

Breaking News

Caccabaan xayyaara AirAisa galaan Jaavaa jedhamu jalaa argame


Caccabaan xayyaara Airasia daandii balalii 8501 jedhamuu dilbata darbe yeroo dhumaaf radaarii jala bakka itti dhokate irraa fageenya km 10 galanaa Java jalatti argame. Gad fageenyi galaana sanaas metere 40-50 ga’a. Gareen baraarsaas meeshaa sagaleen irratti waraabamu ka xiyyaarattii barbaadaa jiran.

Suraan caccabaa xayyaara Sanaa mul’isu buufata xayyaara Surabayatti bakka firoottan namoota xayyaara sana irra turanii wal ga’anii tattaaffii baraarsaaf godhamu hordofaa turanitti mul’ate. Hedduun isaanis iyyaa turan. Reeffi jalqaba argames galaana Java keessa asiif achi raafamaa ture.

Xayyarri airbus jedhamu kun qilleensi hamaan ennaa isa mudatu Surabaya, Indonesia irraa gara Singaapooritti balal’iaa ture.

Balaliisaan xayyaara kanaa balaqqeessa hamaa jalaa miliquuf kan kana dura ittiin deemaa ture irraa metera 1800 ol fagaatee akka deemu kanneen haala qilleensa to’atan gaafatee ture. Xayyaaronni kanneen biroon naannoo sana waan turaniif deebii utuu hin argatin ture. Daqiiqaawwan xiqqoo booda quunnamtiin xayyaara sana waliin ture addaan cite. Hugh Ritchie hoogganaa ol aanaa daandii balalii Sydeney keessa jiruuf gorsaa sadarkaa addunyaa yoo ta’an suraan satelaayitii bubbeen sun hamaa ta’uu isaa mul’ise jedhan.

Baayee hamaa ture. Qilleensa cimaatu oliif gad qilleensa’aa ture. Xayyaarri sun akka dhabamuuf sababaa ga’aa dha. Xayyaara sana mancaasuu baatuu iyyuu ulfaataa waan tureef xayyaarri sun qilleensa keessa utuu jiruu cabsuu danda’a. Qilleensa akkaan qabbanaa fi raafamni waan trueef balaa sana dhaqqabsiise jedheen yaada jedhan.

Directorri ol aanaan Malaysia Tony Fernandes balaa mudateef gadda itti dhaga’ame ibsanii jrian. Maatiiwwan namoonni duraa du’an bor reeffa firoottan isaanii balaa kanaan du’anii adda baasuuf jecha Surabaya irraa gara odola Belitung-tti qajeeluuf jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG