Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo Itiyoophiyaaf Qophiin Itti Fufee Jira Jedha Mootummaan


Filannoo guutummaa Itiyoophiyaa keessatti baatii Caamsaa bara 2015 gaggeeffamuuf mallattoo dorgoomtoonni fudhatanii dhiyaatan hojiin filachuu xumuramuu isaa kan beeksisee bordiin filannoo biyooleessaa kan Itiyoophiyaa mallattoo paartileen filatan kana bordiin filannoo ilaalee raggaasisuu akka qabuus hubachisee jira.

Paartileen siyaasaa Torbaatamii shan kanneen ammaan dura seeraan galma’anii sadarkaa guutuu biyyaa fi bulchiinsa naannoo keessa sosso’aa turan gidduudhaa Jaatamni filannoo kana keessatti hirmaachuuf kan galma’an ta’uun ibsameera. Filannoo kana akka karoorfameetti gaggeesuuf rakkisaa dha jechuun paartileen mormituu iyyataa kan jiran ta’us bordiin filannoo garuu paartileen siyaasaa ammaan dura irratti mari’atanii akka irratti walii galan sanaan deemaa jira jedha. Yoo rakkoon walii gala jira ta’e immoo irratti dubbatee furuuf qophii ta’uu bordiin filannoo beeksisee jira.

please wait

No media source currently available

0:00 0:01:58 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG