Xurree ittiin seenan

Breaking News

New York keessaa Poolisiin nama ajjeese himatamuu dhabuun mormii kaase


Baatii Adooleessa darbe polisii Adii magaalaa Neew yoork keessatti lammii Amerikaa hidda dhalata Afrikaa Eriik Gaarnar ajjesee akka hin himatamneef murtii darbe mormuun magaalaa Neew Yoork keessatti hiriirri mormii gaggeefamaa jira.

Ministriin haqaa kan Yunaaytiid steetes akka jedhuutti mirgii sivilii kan nama ajjefame kanaa dhiitameera yoo ta’e qorachuuf jira. Seera Tumtoonni naannoo New Yoork jiran murtii kana mufannaan ilaalan. Waashingtoon Dii Sii irraa abbaa alangaa mummichi Eriik Hoolder qorannaa ministrii murtii haqaa labsanii jiran.

Duutii Mr. Gaarnar biyya guddoo kana keessatti haala hamaa mudatan danuu keessaa tokko kan wal amantaa humnootii seera eegsisanii fi hawaasa Adii hin taane mara giddu jiru qormaata irra buuse jedhan. Humnootiin kun silaa hawaasa akkasii tajaajiluu fi eegumsa gochuufiitu irra ture jedhu.

please wait

No media source currently available

0:00 0:03:39 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG