Xurree ittiin seenan

Breaking News

Amerikaan Hardha Biirolee Mootummaallee Cufattee Guyyaa Galataa (Thanksgiving) Jedhanitti Jirti


Perzidaanti Obaamaa fi maatiitti Turkey, White Housetitti dhiifama argattee qalma irra oolche
Perzidaanti Obaamaa fi maatiitti Turkey, White Housetitti dhiifama argattee qalma irra oolche

Hardha Amerikaatti guyyaan guyyaa galataati (Thanksgiving Day) jedhan. Biiroleen mootummaa Federaalaalleen cufaa.Bori ammo (Black Friday)guyyaa dhaabbileen daldalaa mi’aa isaanii harka 50 faan irra bu’ani gurguran.Namii galagala kana jalqabee jala bulee baniitii gabayaa eegachaa bula.

Aadaa tana Amerikaa fi Kanadaatti jalqaban.Warra jalqaba Amerikaa qubatetti yoo midhaan galfatu, waan argatee waaqa waliim dhandhamaa waan argateef galateeffatee, ganna itti aanu ammo waaqa ufi abdachaa walti dhufee galteeffata.

Nyaatii guyyaa akkanaa kana waan haga Guchi gahaa,Turkey qaltanii nyaatan.

Perzdaantotii Amerikaa ammoo waan tokko amaleeffatan.Tukrey qalmaaf White House fidan keessaa tamti dhiifama argatee billaa qalmaa qarame irraa oolu male jedhee ummati murtii kenna.

Cheese haga dhalattee torbaan 20 keessa jirti,paawondii 48 ulfaattii,Ohio fidan. Akkuma kanaan Turkey “Mac and Cheese” jedhan,ta qoma balbaloo kutaa ‘Ohio’ fidanitti dhiifama argate.Turkey bara 2013 perzdaant Obaamaa irraa dhiifama argatte ‘Popcorn’ jedhamti.Guyyaa akkanaa kana Amerikaati Turkey miliyoona 46 faatti qalama.

Hardhallee namii maatiin,firaa fi fiixaan, onaa ollaan,dhalaa hariyaan wal yaamee afaanuma beekuun walii fi waaqa ufiillee galateeffachuutti jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG