Xurree ittiin seenan

Breaking News

Poolisiin dargaggoo kutaa Misuurii ajjeese walaba ba'uun uummata dheekkamsiise


Kutaa US Missouri keessatti xumura baatii Hagayyaatti poolisiin daragaggoo umuriin 18 rasaasaan rukutee ajjeese seeraan akka hin gaafatamne murtaa’e.

Murtiin kun kan kenname mana maree murtii uummataan ta’uun beekamee jira. Dagaggoon gurraacha ameerikaa meeshaa hin hidhanne kun erga du’ee baatii sadii booda murtii darbe kanaan hiriirtonni aariin guutaman magaalaa Ferguson keessatti hookkara kaasanii jiran.

Angawaan poolisii Darren Wilson jedhamu daraggoo lammii Ameerikaa hidda dhalata Afriikaa Michael Brown xumura baatii Hagaya irratti kan ajjeese magaalaa Ferguson keessatti ture. Abbaan alangaa kutaa Saint Louis bob Mikoolaa akka jedhanitti

Angawaa poolisii Wilson irratti himannaa dhiyeessuuf sababa ga’aa hin argamne jechuun murteessan. Himannaa irratti dhiyaate shananuuf ragaan hin jiru jechuun deebisan .

Angawaan poolsii Wilson himannaa ajjeechaa akka irratti hin dhiyaanne beeksisamuu isaa guyyoota lama dura Mikoolaan akka jedhanitti poolisiin kun dargaggoon ajjeefame Brown dursee isa rukutuu isaaf waliin qabaa turuu isaanii dhugaa ba’eera.

Kanneen raga ba’anis irra deddeebi’uun Brwontu dursee poolsii kana rukute jedhan.

Brown dubbii barbaacha gara poolsii Sanaatti deemnaan Mr. Wiolson itti dhukaase. Brown dubbii dhiisnaan Mr. Wilsonis dhukaasa dhaabe. Ammas deebisee ennaan inni dubbii barbaaduuf garasaatti deemu innis itti dhukaasuu isaa jecha isaan dhugaa ba’e jedhan.

Murtii mana maree murtii uummataa booda president Obaman White House irraa ibsa kennanii jiran. Tasgaggiin akka jiraatu poolisiinis hiriirtota nagaa haala of eeggannaan akka qabu gaafataniiru.

Anis Maatii Michael Brownitti dabalamee eenyu iyyuu kan murtii kana mormuu fedhu karaa nagaan haa godhu jedhan.

Magaalaan Ferguson Misuurin keessatti hookkarri ka’ee jira. Murtii sana, naannoo mana murtii dhaabatanii kanneen eegaa turan battaluma , murtiin haqaa meerre? Jechuun sagalee dhageessianiiru. Mormitoonni Naannoo buufata poolisii Fugrisonitti wal ga’an kaan immoo hookkara kaasan. Poolisiinis gaazii imiimmaansu biifuu dhaan hiriirtota bittimussf yaalaa ture.

please wait

No media source currently available

0:00 0:04:35 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG