Xurree ittiin seenan

Breaking News

Inaaffaa fi Xiqiin Saba Ofiif Qaban Milkaa’inaan Nama Ga’a


New Oromo Film
New Oromo Film

Muuvii ykn Filmii haaraan Afaan Oromoon qophaa’ee kan maqaan ASAANTII jedhamu kennameef dhuma baatii sadaasa bara 2014 irra uummataaf dhiyaachuuf kan jiru ta’uun ibsamee jira.

Barreesituu fi Daayreekteera Filmii kanaa kan taate Aaddee Keeyraat Yusuuf magaalaa Chikaagoo irraa Raadiyoo Sagalee Amerikaaf akka ibsiteetti saba koof kana hojjachuu qaba jedhanii murachuun ykn xiqii qabaachuun kan yaadan bakkaan ga’uuf kaka’uumsa namaa ta’a jetti.

Biyya keessa yeroo turteetti Diraamaa gaggabaabaa fi dheeraa Televiziyoona Itiyoophiyaa sagantaa Afaan Oromootiin kan dhihaatu qophii dhangaa irratti akkasumas waltajji adda addaa kan magaalaalee Oromiyaa keessatti qophaa’e irratti agarsisaa akka turte dubatti Keeyraat.

Gara bbiyya ambaatti godaanuuf dirqama yeroo ta’eetti immoo abjuun koo gara Filmiitti guddate, kan jettu Keeyraat Yasuuf kanaafiis kan na gargaaru ooguma filmii barachuu ishees dubatte.

Filmiin kun jalqaba mana Tiyaatra magaalaa miniyaapolis kan kutaa minisootaa keessatti agarsifamuuf kan jiru yoo ta’u sana dooda immoo magaalaalee Amerikaa kanneen Oromoo hedduun keessa jiratanitti agrsisuuf karoora akka qabdu dubbatti Keeyraat.

Dhuma irratti garuu Dii Vii Diin maxxansitee gurguruuf akka jirtu ibsite.

please wait

No media source currently available

0:00 0:00:31 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG