Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ripaablikaanoonni milka’aa jiru


Filannoon marsaa giddu galeessaa kan seeneeta Yunaaytiid steetes Sadaasa 4, bara 2014 gaggeeffamee jira. Ba’iin filmaataa akka agarsiisanTti paartiin Ripaablikaan mormituu isaa Demokraatoota irratti injifannoo argtaa jiru.

Seneeta yunaaytiid steetes keessatti hogganaa garee sagalee xiqqaa qabanii kan ta’an Ripaablikaanichi Mitch McConnell mormituu isaanii Demokraatittiii kutaa kentaakii Alison Lundergan Grimes biraa rakkoo jabaa isaan mudate bira darbuun filataman.

Kibxata kaleessaa galgala haasawaa deggertoota isaaniif dhagesisaniin galgalli har’aaa waan silaa abdataa turre nu argamsisuu hin dandeenye jedhan.

Mitch McConnel guyyootii duulli filmaataa itti gaggeeffamaa ture isaan dhumaa keessa marsaa 6ffaaf filamuun falmii jabaa fi dorgommii hadhaawaa ta’e keessa darbuun ture. Oduu gabaastotaaf akka ibsantti filannoon waa’ee koo ykn waa’ee mormituu koo miti jedhan.

Prezidaant Baaraak Obaamaan filannoo ammaa keessa kan hin jirre ta’us garuu Ripaablikaanonni hedduun duula na filadhaa gaggeessaniin Imaammata Obaamaa irratti qiyyaafatanii turan.

Kunis karooora haaraa tajaajiila eegumsa fayyaaf ba:'e kan uummata miliyoona danuu kanneen wal’ansa argachuuf inshuraansii hin qabne sana gargaare irratti mallateessuu Obaamaa faa of-keessaa qaba.

Ripaablikaanoota irraa kanneen Qeeqa dhiyeessan Wanni irratti qiyyaafatan ka biraan immoo imaammata immigreeshinii fi enerjii kan prezidaant Obaamaa ture. Akkaataa prezidaant Obaamaan hojii itti gageessan kan ilaaleen sagaleen deggersaa uummata biraa argamu gad bu’un qeeqxoota Ripaablikaaniif komee himatan gargaare.

please wait

No media source currently available

0:00 0:05:22 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG