Xurree ittiin seenan

Breaking News

Perezdaantiin Keeniyaa Waan Manii Murtii Addunyaa, ICC-n Himaten The Hague Dhaqee Caqafate


Manii murtii addunyaa ICC,perezdaantii Keenyaa, Uhuru Kenyaataa balleessaa gugurdoo shaniin himatee dubbi isaa mana murtii The Hegue, Nezerlaanditti jirutti geeffate.
Manii murtii addunyaa ICC,perezdaantii Keenyaa, Uhuru Kenyaataa balleessaa gugurdoo shaniin himatee dubbi isaa mana murtii The Hegue, Nezerlaanditti jirutti geeffate.

Uhuuruu Kenyaataa,perzdaantiin Keenyaa bara 2007 fi 2008,bara filannoo biyya isaanii kaan gosa wal aasise jedhani hiamtan. Wanjala gugurdaa shaniin himatan.

Waraanii gaafasii sun nama 1,100 dhumate nama kuma 500 tahutti baqate.

Yo hardha innii mana murtii wanjala adunyaa qoratu The Hague,Nezeralandis jiru gahetti warri isa deeggaru bahee simate.

Saatii sadeen mana murtiitti ture sunitti waan himataniin caqasuu malee xuphii xuphuriin afaanii hin baane. Womaallee hin dubbanne.Taatullee namii seeraan isa gargaaru abukaatoo isaa,Steven Kay wannii Hurun himatan guutama hin qabduu jedha.

"Uhuruun balleessaa hin qabdu jechuun malan.Maan jennaan namii isa himachuutti jiru hin jiru. Wannii himataniinillee dubbiin faana walii jirtu ta himataninileen hin jirtu.Namii balleessaa tanaan isa himachuutti jiru hin jiru.Tana akkuma ufi beeku kana beeka.Ragaan himataniin hin jiru.Yoo ragaan jiraate himatan.”

Abukaatn isaa dubbiin Uhurun himatan tun qaata jiddee jedha.Abbootiin alangaa Uhuru hiamtan ammoo mootummaa Keenyaatti beekuma beekaa ragaa bilbilaa,qaraxaa fi galmee Baankii balleessee ragaa balleessee jedhan.

Ogeessii himata-seeraa ka akka Benjamin Gumpent ragaa jiru walti guuruun dubbi wal xaxaa waan fidduuf dubbiin tun guyyaa haga hin beenneef duratti siiquu malte jedha.


"Seerinuu tanatti hin gammadu—manii murtii dubbii tana afaan seeraatiin dubbachuuf yoo biyyiti innii keessa jiru akka inni hin himatamne tolchitee ragaa dhowwate garii deeman hin jiru.Akkas taanaan seerii faaydaa dhabee jedhe.”

Abukaaton jara namii irraa dhumee Fergal Gaynor ammoo dubbiin tun gara deemu dhabde jechuun dhiigi jara namii irraa dhumee faaydaa dhabaa jedha

"Haadhaa,abbaa,obboleessaa,obboleettti irraa dhume.Marroo hedduu giddeessanii bira rafan, jiroo gubanii,qabeenna isaan Naivasha fi Nukuru keessaa qaban.Seerallee dhabanii seera mootummaa Kenyaataa irraa dhabaniifillee isaanummaan ufumaan itti rakkachuu malanii? ibidda itti naqan.”

Akka jecha abbaa alangaa addaa Keenyaa Tithu Muuygiyaatti itti mootummaan haga dandahutti ragaa manii murti gaafate ya dhiheesseef.

Perezdaatniin Keenyaa Uhuru Kenyaataa perzdatnii adoo hujii irra jiru manii murtii addunyaa ICC wanjalaan himatee mana murti dhiyeessa ka qaraati.

Jabeennii mana murti kanaa nama kana himachuu dandahuu fi dadhabuun isaa tana irratti laalama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG