Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira deggersaa fi mormii Mootummaa


Alaabaa Itiyoopiyaa fi barreeffamoota kan abatan lakkoofsaan 20 kan ta’an fi “Lammiiwwan Itiyoopiyaa Nagaaf” kan ofiin jedhan Washington DC keessa kan jiru Embasii Itiyoopiyaa duratti nagaan haa eegamu jechuun hiriiran.

Isaan keessaa Muluu Asaffaa akka jedhetti torban darbe haalli uumame hojjetaan embasii akka dhukaasu godhe sun uumamuun irra hin turre jedha.

Mirgi keenya akka dhiitametti ilaalla kan jedhe Muluun humnootiin nagaa eegsisan kan Ameerikaa embasii eeguutu irra ture, cal jedhanii akka nu dhiisanitti ilaalla edhe.

Hiriira mormii geggeeffamuu isaa hin morminu kan jedhu Muluu Asaffaa garuu akka jecha isaatti hiriirtonni mooraa Embasii weeraruun irra hin turre jedha. Hiriira kana kan morman namoonni kudha shan ta’an immoo daandii gama keessaan hiriiranii jiran.

Elsaabet Altaayyee akka jedhanitti kan mootummaa Itiyoopiyaa keessatti ol aantummaa qabu TPLF kan ilaaleen Ameerikaaf akeekkachiisa qabna jedhan.

TPLF garee shororkeessituu ta’uu isaa Ameerikaa fi lammiiwwan Ameerkaaf himuufan hiriire jedhu aadde Elsaabet. Aangoo mootummaa kan qabatan ta’us Afriikaa bahaa shororkeessaa jiru jedhan. Gama lameen wal mormaa hiriiran kana dallaa polisiin dhaabeen adda ba’anii jiran.

Gabaasa Guutuu caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:05 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG