Xurree ittiin seenan

Breaking News

Bulchootii Addunyaa Jijjiirama Qilleensaa Irratti Mari’achuuf New York,Amerikaa Jiran


Kun kora bulchootii addunaa bara 2012 jijjiirama qilleensaa irratti mari'achuuf taahan.
Kun kora bulchootii addunaa bara 2012 jijjiirama qilleensaa irratti mari'achuuf taahan.

Oowwii dabalaa,cabbiin baqaa laftii durii oowwaa amma qabbanaahaa, dhukkubii namii hin beenne lafa dhufaa,garbii dabalaa wannii hedduun tahaa deemuutti jirti.Jijjiiramii qilleensaa waan hedduu hammeessa.

Bulchootii addunyaan gannuma gannaan qilleensii jijjiiramaa deemaa maan goona jedhanii mariii taahan.

Biyyootii guddatan aara hamaa makiinaa fi warshaa biyya guddatteetii bahutti qilleensa nurraa jijjiiraa jedhan.Tana diqqeessuuf ammoo warshaan diqqaachu male.Akka warshaa itti diqqeessan irratti ammoo biyyooti cufti wali hin galan.

Kora baranaallee Amerikaatti itti jiran. Itti gaafatamaan guddaan Tokkummaa Mootummootaa Koofii Anaan akka korii kun karaa haaraa qilleensaa jijjiiramuun tohatan baasu gaafate.

“Jijjiiramii qilleensaa nagaa rakkoo hagamii hagamiin arganne,guddinna dadhabnii hedudun argannee fi badhaadhina nama biliyoona hedduu doorsisuutti jira.Hardha addunyaa karaa haaraa irra kaahuu malle.”

Kora guyyaa tokkoo kana irratti bulchoota biyya 125 itti dhufe.Korii akkanaa kun ganna dhufe Farsansayitti taaha.

Kora kana irratti warri jijjiirama qilleensaati qabsaahu kuma dhibba hedduu tahutti hiriira bahee akka bulchootii tun dubbuu rakkoo jijjiirama qilleensaa tana qalbii dansaan irratti mari’atan gaafatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG